Finfinnee, Caamsaa 5, 2018( FMC)- Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Finfinneen Giddugala dippiloomaasii idil-addunyaa taateetti jedhan.
Bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Ayyaana Hundeeffama Waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii Sababeeffachuun sagantaan Itiyoophiyaan Tembeeriiwwan addaa itti ifoomsite gaggeeffameera.
Antooniyoo Guutareez wayita kana Itiyoophiyaafi Mootummoonni Gamtoomanii tumsa cimaa qabaachuu ibsan.
Biyyoota hundeessitoota 51 keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uu yaadachiisanii, shaampiyoonaa tumsawwan damdaneessaafi idil-addunyaati jedhan.
Gahee ishee kanaaf beekamtii kennuun, Itiyoophiyaan yeroo ammaa guddina diinagdee ariifachiisaa galmeessisaa akka jirtus kaasaniiru.
Qooda Itiyoophiyaan biyyoonni Afrikaa biroon bilisummaa isaanii akka gonfataniif bahatteef Mootummoota Gamtoomaniitti beekamtiin kennamuufii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Afrikaa bakka bu’uun chaartara Mootummoota Gamtoomanii kan mallatteessite qofa osoo hin taane biyyoonni ardichaa miseensa dhaabbatichaa akka ta’aniif ciminaan hojjetteetti jedhan.
Finfinnee irra deddeebiin daawwachuu kaasanii, jijjiiramni yeroo ammaa galmeessaa jirtu saffisa ifaan kan safaramudha jechuun ibsaniiru.
Magaalattiin ardii Afrikaarraa giddugala dippiloomaasii idil-addunyaa taateettis jedhan.
#Oromia #Ethiopia