Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Finfinneen waltajjiiwwan guguddaa idil addunyaa keessummeesssuf dandeetti horatte jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaan.
Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa bara kanaa Sadaasa 13, 2019 mata duree ‘fiigichi koo halluu koo’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffama.
Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa Turizimii Ispoortii guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuun Salamaawiit Kaasaan ibsaniiru.
Itiyoophiyaan taateewwan tuurizimii Ispoortii idil-addunyaa irratti hirmaachuun faayidaa guddaa argachuu kan dandeessisu dandeettii bal’aa akka qabdu ibsan.
Namoonni fiigicha guddicharratti hirmaatan fiigichicha xumuruun dorgommichi Afrikaarraa darbee waltajjii idil addunyaa akka ta’u qooda isaanii akka bahan gaafatan.
Dorgommiin Fiigicha Guddaa Itiyoophiyaa bara kanaa Dilbata dhufu, hirmaattota kuma 60 hirmaachisuun ni gaggeeffama.
Warqinahi Gaashahuuntu gabaase.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa