Finfinnee, Fulbaana 10, 2019(FMC) – Itiyoophiyaatti fooyyessi dinagdee man-dhalee erga hojiirra ooluu eegalee asi gama carraa hojii uumuun fooyya’iinsa imaammataa hordofsiisuun damee dhuunfaaf haala miijataa uumaa jira.
Mootummaan kallattiin qancaruu caalaa damee dhuunfaan carraan hojii akka uumamu fooyyeessa adda addaa hojiirra oolcheera.
Haalawwan miijatoo rifoormii dinagdee man-dhalee kanaan uumaman fayyadamuun dameen dhuunfaa gahee gama carraa hojii uumuun qabu cimsee itti fufeera.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa fi namtolchee hedduu qabdu hojiirra oolchuuf cimsitee hojjechaa jirti.
Kennaa qama kanaan qabdu fayyadamuun misooma ogummaa, carraa hojii uumuufi hariiroo hojjetaa fi hojjechiisaa walitti hidhuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti.
Rifoormichi madaalawwan dinagdee gooroo sirreessuu bira darbee bu’uura humna oomishaa guddisuu, investimeentii jajjabeessuu, damee faayinaansii ammayyeessuu fi hirmaannaa damee dhuunfaa babal’isuuf dandeesisu ijaareera.
Fooyya’iinsi dinagdee gooroo boqonnaawwan lamaan hojiiirra oolaa jiru dinagdee Itiyoophiyaa rakkoolee turan keessaa baasuun gara guddina oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti ceesisuun dameewwan garaagaraan imala olka’iinsa labsaa jira.
Kunis Itiyoophiyaan bara 2016 guddina waliigalaa %8.1 fi bara 2017 %9.2 walitti fufiinsaan akka galmeessituuf, bara 2018 ammoo guddinni %10.2 akka eegamu dandeessiseera.
Imalli olkaa’iinsa guddina oomishtummaa dinagdee waliigalaas Dhaabbata Maallaqaa idil-addunyaanillee kan mirkanaa’eedha.
Hojiirra oolmaan foyya’iinsa dinagdee mandhalee kun sosochii dinagdee hirmaachisaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessu uumuu danda’eera.
Kunis gumaacha lammiileen guddina dinagdee biyyaa keessatti gumaachan cimsuuf carraa mijataa uumeera.
#Oromia #Ethiopia