Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Fooyyessiin diinagdee Itiyoophiyaan taasifte diinagdee biyyattii dandamachiiseera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaataa 2019 ilaalchisee Yaadaa fi gaaffii dhimmoota diinagdeerratti ka’aniif deebii fi ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.
Bara oomishaa 2018 damee qonnaan lafa hektaara miiliyoona 29 ol misoomsuun callaa kuntaala biiliyoonni 1.3 argachuun danda’ameera.
Dameen qonnaa % 7.7 guddina agarsiiseeu himan.
Wayita cabiinsi diinagdee addunyaa mudatee fi daldalli addunyaa raafametti fooyyessiin diinagdee Itiyoophiyaan taasifte bu’aa olaanaa galmeessuu dubbatan.
Damee Indaastiriin guddinni olaanaan galmaa’uu kaasuun, Oomishaaleen alaa galaa turan harki caalu biyya keessatti oomishamaa jiraachuu eeran.
Akkaatuma waadaa galleen hojiin riifoormii milkaa’eera jedhan.
Waggaa tokko keessatti al ergiirraa galiin Doolaara biiliyoona 11 ol argamuu himan.
Kunis galii al ergiirraa Itiyoophiyan bara 1984-2000 waggoota 17 keessatti argachaa ture amma waggaa tokko keessatti argachuu ibsan.
Oomisha Warqeerra bara kana Doolaara biiliyoonni 5.5 argamuu dubbatan.
Qabeenyi kuufamaan Itiyoophiyaa dachaa 20 ol guddachuu himan.
Galiin Itiyoophiyaa Warqeerraa bara kana galchite kan waggoota 27 keessatti galchite caalas jedhan.