Gaggeessummaan yeroo hundaa mana barnootaa ooludha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 1ffaa Bara hojii 7ffaa har’a taa’een muudama Miseensoota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu dhiyaate raggaasiseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad muudamoota miseensota Kaabinee isaanii ifoomsaniiru.

Gaggeessummaan yeroo hundaa mana barnootaa oolu ta’uu himan Dooktar Abiy muudama kaabinootaa dhiyeessan ilaalchisee wayita ibsa kennan.

Imala gaggeessummaa keessatti si’oomina qabaachuu, haalota jijjiiramaa deeman dursanii tilmaamuu fi yaada furmaataaf of-qopheessuun murteessaa ta’uu hibachiisan.

Muudamni kenname imaanaa uummattoota Iiytoophiyaa warreen sagalee isaanii kennuun nu filatanii galmaan gahu ta’uu kaasuun taayitaan qoobiidha malee sammuuu miti jedhan.

#MootummaaIda’amuu

Comments (0)
Add Comment