Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) – Gamtaan Afrikaa haleellaa sanyummaa ummata gurraacharra gahu qolachuuf ni hojjeta jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mohaammadi Alii Yuusuuf.
Mohaammadi Alii Yuusuuf guyyaa Afrikaanotaa fi dhaloota Afrikaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Afrikaanoota Ameerikaa, Kaaribiyaanii, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Paassifikii jiraatan hunda baga geessan jedhan.
Diyaaspooraawwan dhalattoonni Afrikaa guutuu addunyaarra jiraatan Afrikaa beeksisuun guddina aadaa fi misooma Afrikaaf gumaacha olaanaa taasisuu kaasan.
Guyyaan kun Afrikaa ijoollee ishee biyya alaa jiraatan waliin walitti hidhuuf, akkasumas Afrikaanota diyaaspooraa biyya alaa jiraatan seenaa isaanii Afrikaa waliin qaban akka yaadatan gochuuf, akkasumas akka maatii tokkootti egeree fi carraa Afrikaa waliin murteessuuf kan yaadame ta’uu ibsameera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UN) Ummanni gurraachi beekamtii, haqaa fi misooma akka argatan gochuuf karoora waggaa kudhanii baasee hojjechaa jira.
Kana malees, jibba alagaa (zenoofoobiyaa) fi loogii namoota gurraachaa irratti raawwatamu ittisuuf ni hojjeta jedhan.
Afrikaanota diyaaspooraa biyya alaa jiraatan akka miseensa ijoo maatii tokkootti akka ilaalan ibsuun, Diyaaspoorawwan Afrikaa Ajandaa Afrikaa 2063 hojii irra oolchuuf gahee murteessaa akka qaban hubachiisan.
Mohaammadi Alii Yuusuuf, Dhalattoota Afrikaa kanneen kutaalee addunyaa garaagaraa keessa jiraatanif nagaa, guddinaa fi badhaadhina hawwanii, Gamtaan Afrikaa Afrikaanota diyaaspooraa waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaa mirkaneessan.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia