Gamtichi humnoonni siyaasaa Soomaaliyaa gochoota walitti bu’iinsa hammeessan irraa akka of qusatan gaafate

Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Komishiniin Gamtaa Afrikaa humnoonni siyaasaa Soomaaliyaa gochoota walitti bu’iinsa biyyattiitti mudate hammeessan irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeesseera.

Moqaadishootti sababa filannoon harkifateef muddamni loltoota mootummaafi hidhattoota mormitoota gidduutti uumame cimee itti fufuu ibsameera.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa dhimmicha irratti ibsa baaseen, muddamni biyyattiitti sababa walitti bu’iinsaa Kanaan mudate isa yaaddessuu beeksiseera.

Humnoonni wal waraanan hundi walitti bu’iinsa hatattamaan akka furaniifi gochoota muddama kana hammeessan irraa akka of qusatan hubachiiseera.

Humnoonni siyaasaa biyyattii garaagarummaa karaa ammayyaan; mariin akka furan waamicha dhiyeesseera.

Rakkoo nageenyaa Moqaadishootti mudate itti dhiyeenyaan akka hordofu eeruun, tattaaffii biyyattii gara nageenya ishee duraaniitti deebisuuf godhamu kan deeggaru ta’uu mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment