Finfinnee, Fulbaana 7, 2019(FMC) – Gareen Invastimantii Meedirook bara baajatichaatti sharafa alaa Doolara miiliyoona 300 fi miiliyoona 90.53 argachuu ibse.
Garichi Guyyaa maatii Addabaabaayii Michummaatti kabajaa jira.
Garichi bara baajatichaatti dameelee garaagaraan milkaa’ina galmeessuun ibsameera.
Fuuldurattis milkaa’inoota argaman caalmaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’uun eerameera.
Garichi oomishaan bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 67.11 argachuun karoora isaa %98 milkeessuu danda’eera.
Damee Albuudaan galii Birrii biiliyoona 6.47 argachuun karoora isaa %67 milkeesseera.
Saganticharratti hoggantoonni olaanoon garee Invastimantii Meedrook, hojjettoonni fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Hojjettoota bara baajataa 2018 raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekamtii fi badhaasni ni kennama jedhameera.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.