Giddu gala haaromsaa hidhattoota Naannoo Tigraay keessa socho’aa turaniif naannoo Magaalaa Maqaletti qophaa’e

Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) – Dargaggoonni Tigraay namoota fiinxaleeyyii muraasaaf jecha gatii hin barbaachifne akka hin kaffalle, Komiishinarri itti Aanaan Haaromsa Biyyaalessaa Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaan waamicha dhiyeessaniiru.

Birgaader Jeneraal Darribeen ibsa kennaniin, hidhattoota duraanii waamicha nagaa fudhatanii dhufaniif leenjii haaromsaa kennuun gara jireenya idileetti akka deebi’an gochuuf mootummaan ammallee balballi isaa banaa ta’uu ibsaniiru.

Komiishinichi, Sadaasa 2017 irraa eegalee hidhattoota duraanii naannolee adda addaatti socho’aa turan deebisee dhaabuun gara jireenya idileetti akka deebi’an gochaa turuu yaadachiisaniiru.

Dargaggoonni Tigraay gara jireenya nagaa akka deebi’an mootummaan Itiyoophiyaa fi hawaasni idil-addunyaa deeggarsa olaanaa akka taasisan ibsaniiru.

Dargaggoonnii fi hidhattoonni mootummaan isaan simachuuf qophii ta’uu hubachuun, osoo hin turin filannoo nagaa dhiyaate akka fayyadaman Birgaader Jeneraal Darribeen gaafataniiru.

Hidhattoonni kunneen gareedhaanis ta’e dhuunfaadhaan, giddugala haaromsaa naannoo Magaalaa Maqaleetti qophaa’eetti yookaan naannoo isaanitti humna Raayyaa Ittisa Biyyaatti gabaasa gochuu akka danda’an hubachiisaniiru.

Dargaggoonni waraanaa fi lola keessaa bahuun, meeshaalee waraanaa qaban kamiyyuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti kennanii gabaasa gochuun gara Komishinii Haaromsaatti akka makamanis waamicha dhiyeessaniiru.

#Mootummaa_Ida’amuu

Comments (0)
Add Comment