Finfinnee, Adoolessa 26, 2018 – Godinaalee Harargee Bahaa, Arsii Lixaa fi Arsiitti dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo boru sadarkaa biyyaalessaatti geggeeffamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu waajjiraaleen qonnaa godinaalee kanneenii ibsaniiru.
Godina Harargee Bahaatti sagantaa kanaan aanalee godinichaa 15 keessatti biqiltuu miiliyoona 21 ol dhaabuuf qophiin xumuramuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Abdii Ahimad himaniiruu.
Dhaabbii biqiltuu kanaafis bakkeewwan 233 lafa heektaara kuma 8 fi 860 qabatan adda ba’uu himaniiruu.
Godina Arsii Lixaattis aanaalee 15’nan keessatti sagantaa guyyaa tokkoo kanaan biqiloota miiliyoona 20 fi kuma 900 ol lafa hektaara kuma 8 irra dhaabuuf qophiin xumuramuu waajjirri qonna godinichaa himeera.
Iddoowwan dhaabbiif adda ba’an 172tti biqiltuuwwan geejjibsiifamuunis eerameera.
Godinichatti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa ganna kanaan biqiloonni miiliyoona 200 fi miiliyoona 75 dhaabuuf karoorfamanii, hanga yoonaatti dhibbintaan 85 ol dhaabamuun ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun godina Arsiittis biqiltuuwwan miiliyoonni 42.6 ol dhaabuuf qophiin xumurameera jedhe waajjirri qonnaa godinichaa. .
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Ibraahim Qaasoo ‘FMC’tti akka himanitti, hirmaannaa jiraattotaa, seektaaroota mootummaafi miti mootummaan biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 42 fi kuma 600 ol dhaabuuf qophiin barbaachisu hundi xumurameera.
Bu’aa sagantaa kanarraa hanga ammaatti argachaa jiran guddisuuf sagantaa boruu kanarratti dammaqinaan akka hirmaatanis jiraattonni godinichaa FMC’f yaada isaanii kennan ibsaniiru.
Nageessoo kadiir, Geetaachoo Mul’ataa fi Oliyaad Ahimad’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia