Garee seeraan alaa fuggisoo seenaa ta’e: ABUT

Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) – Qaama Seenaarraa barachuu barbaaduuf barsiisaa gaariidha, Warra irraa barachuu hin barbaanneef garuu, dogoggora irra deddeebi’anii akka raawwatan sababii ta’uun, kufaatii isaanii saffisiisuu danda’a.

Gareen seeraan alaa ABUT Onkololeessa 24, 2013 qaama ummata naannichaaf wareegama kaffalaa ture Ajaja Kaabaa irratti yakka suukaneessaa raawwate.

Gantummaa barootaaf raawwatame keessatti kan Onkololeessa 24, 2013 Itiyoophiyaa irratti raawwatame samii gaditti kan muul’atee hin beekne ture.

Raayyaa Ittisaa waggaa 20 oliif nageenya ummata Tigraayi eegaa ture,misooma irratti hirmaachuunii fi tajaajila hawaasummaa kennuun, raayyaa aantummaa uummataa qabu ta’uu isaa gochaan mirkaneesseef kabajnii fi galatni osoo maluufi gantummaan seenaan hin irraanfanne irratti raawwatame.

Gareen seeraan alaa ABUT waggoota aangoo mootummaa dhuunfatee turetti, lammiilee fi dhaabbilee hedduu irratti badii seenaan hin daganne kan raawwate yoo ta’u, biyyattiis kisaaraa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiif saaxileera.

Ammas ana malee biyyi hin jiraattu, jechuun seenaa fuggisoon ummata burjaajessuun ummata naannichaa ummattoota Itiyoophiyaa biroorraa adda baasuuf hojjetaa tureera.

Hoggantoonni ABUT Gochaa suukaneessaa fi qaanessaa raawwatan akka gootummaatti fudhachuun miidiyaaleen ibsa kennaa turan.

Miseensa garichaa kan ture obbo Seekkuturee Getaachoon tarkaanfii balaqqeettawaa fudhanneera Ajaja Kaabaa barbadeessineerra jechuun qaanii malee dubbate.

Gareen kun miidhamaa of fakkeessuun seenessa sobaan addunyaa burjaajessuuf yaaleera.

Badii raawwate golguuf mootummaa Federaalaarratti duula ololaa banuun tapha siyaasaa taphachuuf yaaleera.

Lammiilee nagaarratti yakka suukaneessaa raawwachuun qaama biroo maqaa balleessuun siyaasa isaa tolfachuuf dhama’eera.

Mootummaan Federaalaa akkuma naannolee biroo naannoon Tigraayis bu’aa jijjiirama mul’achuu jalqaberraa akka fayyadamuu fi ABUTs akka paartii siyaasaa tokkotti guddina biyyaaf akka hojjetu waamicha irra daddeebii dhiyeessaa tureera.

Paartii fi ummanni gargar ta’uu isaa akka hubatamu yaalaa tureera.

Akkasuma nageenyaaf dursa kennuun waraanni hamaa ta’uu fi miidhaa inni qaqqabsiisu hubachuun obsa olaanaa agarsiiseera.

Mootummaan haleellicha hordofee tarkaanfii seera kabachiisuufi duula birmadummaa gaggeesseen balaan birmadummaa biyyattiirratti aggaamame qolatamuu danda’eera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Mootummoota Gamtoomanii haleellaa sarbama mirga namoomaa Kaaba Itiyoophiyaatti raawwate jedhame ilaalchisee gabaasa qorannoo ifoomsanii turan.

Onkololeessa 24, 2013 Humni addaa fi milishaan naannoo Tigraay Raayyaa Ittisaa Ajaja Kaabaarratti haleellaa raawwachuun mooraa waraanaa to’achuu gabaasichi ibseera.

Humni Addaa fi Milishaan naannichaa garee ‘Saamirii’ jedhamuun waamamu Maayikaadiraatti lammiilee nagaa haala suukkaneessan ajjeesuu eeranii turan.

Garichi baranas yeroo 4ffaaf waraana banus akka hin taaneetti injifatameera.

Har’as arrabni isaa hin duune duula maqa balleessii fi seenessa sobaa itti fufeera.

Mootummaan Federaalaa naannichatti nageenya waaraa mirkaneessu, misooma itti fufiinsa qabuu fi tajaajila barbaachisu dhiyeessuurratti argama.

Bulchiinsa Imaanaa Hundeessuun hojjetaa jira.

Naannichatti sochiin hawaasummaa fi diinagdee tasgabba’aan uumameera jedhe Bulchiinsa Imaanaa mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayitti Biiroon Kominikeeshinii.

Bulchinis Imaanaa naannichaa hanga gandatti caasaa diriirsuu fi qindeessitoota ummataan filataman guutuumman guutuutti hojii idileetti galchuun hojjetaa jira.

Filannoo itti aanuuf haalota mijeessuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment