Guyyaan Olka’iinsaa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuutti kabajame

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) — Guyyaan Olka’iinsaa bakka Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuutti sagantaalee gara garaatiin kabajame.

Saganticharratti dameewwan tuurizimii, qonnaa, albuudaa fi boba’aa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, akkasumas magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa keessatti milkaa’inoota galmaa’anii fi kallattiiwwan gara fuulduraa irratti mariin paanaalii gaggeeffameera.

Kana malees, milkaa’inoota dameewwan gara garaa keessatti galmaa’an kan agarsiisu agarsiisni suuraa banameera.
Hirmaattonni sagantichaa adeemsa ijaarsa pirojektichaa daawwataniiru.

Comments (0)
Add Comment