Finfinnee, Wacabajjii 22, 2018 (FMC) – Balaa kirkira lafaa Veenzuweelaa muudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 1 fi 450 gahuu aanga’oonni biyyattii beeksisaniiru.
Balaa gaddisiisaa kana jalaa kan baraaraman haadha fi mucaan ishee guyyaa 18 xiyyeeffannoo fuula miidiyaalee addunyaa ta’aniiru.
Dayanaa Paatiinoo, kan magaalaa La Guwayiraa bakka balaan kun itti muudate keessa jiraattu, balaa dura manni ishee darbii 8ffaa irra akka ture dubbatti.
Gamoon sun yeroo raafamee sosocho’uu jalqabu, yeroma sana mucaa ishee guyyaa 18 Yuuwaan Deevid jedhamu eeguuf gara kutaa isheetti fiiguu ishee ibsiteetti.
Haa ta’u malee, balaa sa’aatii dheeraaf ture kanaan ishee fi mucaan ishee sa’aatii tokkoof haftee jijjigaa gamichaa jala turuuf dirqamaniiru.
Milli ishee bitaa konkiiriitii jala waan seeneef sosocho’uu kan hin dandeenye yoo ta’u, kanaanis hojjettoonni baraarsaa utuu ishee hin argatin dura jireenyaa fi du’a gidduu yeroo dheeraaf turuu dubbatteetti.
“Mucaan koo du’eera jedheen yaade; jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf funyaan isaa tuquun hargansuu isaa mirkaneeffachaan ture” kan jette haati kun, “Akka ani hin oolle natti dhaga’amaa turus, mucaa koo dura hin du’u jedheen ofitti himaa ture” jechuun haala gaddisiisaa keessa turte ibsiteetti.
Haati Dayanaa Paatiinoo jedhamtu tun sagalee hojjettoota baraarsaa yeroo dhageessu, “na gargaaraa” jettee iyyaa akka turtes dubbatteetti.
Haftee jijjiga gamichaa jala sa’aatii tokkoof erga turtee booda, hojjettoonni baraarsaa dhaqqabanii afaan du’aa keessaa akka ishee baasan himteetti.
Balaa kanaan Dayanaan miila ishee irra, mucaan ishee guyyaa 18 Yuuwaan Deevid ammoo fuula isaa irra miidhaan salphaan kan gahe yoo ta’u, hospitaala Karaakas keessatti yaalii hordofaa akka jiran fi haalli fayyummaa isaanii gaarii akka ta’e BBC’n gabaaseera.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia