Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Meeshaaleen kontiroobaandii bahii fi galii Birrii miiliyoona 500 fi Miiliyoona 3 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.
Komishinichi hordoffii Fulbaana 7 – 13,2019 tti taasiseen, meeshaaleen kontiroobaandii galii Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 91.7 akkasumas, meeshaaleen kontiroobaandii al-ergii Birrii miiliyoona 11.6 ta’an to’amuu ibseera.
Meeshaaleen to’atamaniis, uffata, meeshaalee elektirooniksii, oomishaalee qonnaa, meeshaalee jijjiiraa qaama konkolaataa, meeshaalee miidhaginaa, qorichawwan, albuuda, boba’aa fi maallaqoota biyya alaa ta’uun ibsameera.
Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen odeeffannoo hojjettoota Komishinii Gumrukaa, miseensoota poolisii federaalaa fi naannolee, akkasumas kutaalee hawaasaa irraa kennameen to’atamuun eerameera.
Dabalataanis, shakkamtoonni 17 fi konkolaattonni 19 to’annoo jala ooluu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.