Hambaaleen gara Biriitaaniyaa fudhatamanii turan Itiyoophiyaaf deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Hambaaleen duula Maqdalaan gara Biriitaaniyaa fudhatamanii turan har’a Itiyoophiyaaf deebi’aniiru.

Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa hambaalee kanneen fudhateera.

Sirna walharkaa fuudhinsa hambaalee kanneenirratti abbootiin Amantaa, hayyoonni Ingiliiz, Landanitti Dippiloomaatoonni Imbaasii Itiyoophiyaa fi bakka buutoonni Gadhambaa argamuu Landanitti Imbaasiin Itiyoophiyaa ibseera.

Walharkaa fuudhinsi kun seenaa fi haaromsa aadaaf faayidaa olaanaa qabaachuu Daayrekterri Olaanaa Abbaa Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa Piroofesar Ababaaw Ayyaalew ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment