Hannii fi hojii filachuun Itiyoophiyaa keessatti rakkoo guddaa ta’eera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffii fi yaada miseensonni mana marichaa dhiyeessaniif ibsa kennaa jiru.

Itiyoophiyaa keessatti yeroo ammaa hojii dhabdummaan jira, garuu ammoo bakkeewwan hedduutti hojjetaa dhabnee rakkachaa jira jedhan.

Piroojektoonni hedduun hojjettoota dhabanii rakkachaa akka jiran kaasan.

Kun ammoo hojiin dhabamee osoo hin taane hojii filachuun rakkoo hamaa ta’aa jiraachuu agarsiiftuudha jedhan.

Amma hannii fi hojii filachuun badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf wantoota gufuu olaanaa ta’aa jiran keessa adda duree ta’uu ibsan.

Hojiilee hojjetamaa jiran hundarratti hanni rakkoo guddaa ta’aa jiraachuu dubbatan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment