Hawaasni filannoorratti haalaan hirmaachuu – Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Gadaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Filannoo waliigalaa misooma hundagaleessa mirkaneessuuf gahee qaburratti lammiileen kaardii fudhatan hund sirnaan hirmaachuu qabu jedhan Jaarsoliin Biyyaa fi Abbootiin Gadaa.

Filannoon carraa yeroo itti aanuu biyyattii murteessuu fi misooma hundagaleessa mirkaneessuu keessaatti qooda olaanaa qabu filannoon marsaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffama.

Jaarsoliin biyyaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin turtii taasisan loogummaa dhaaba siyaasaa kamiiyyuurra bilisa ta’uu ibsaniiru.

Kana jechuun filannoorratti hirmaachuun carraa yeroo itti aanuu biyyaa murteessuu keessatti hirmaachuu dhabuu akka hin taane hubatamuu qaba jedhan.

Lammiileen hundi filannoorratti sirnaan hirmaachuu akka qaban dubbatan.

Lammiileen paartii birmadummaa fi guddina biyyaaf fayyadu filachuun dirqama lammummaa isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Paartii olka’iinsa Itiyoophiyaa itti fufsiisu filachuuf hirmaannaa ho’aa ta’e taasisuu akka qaban hubachiisan.

Tokkoon tokkoo filattootaa mirgaa fi nageenyummaa isaanii eegamuun sagalee kennuu akka qaban eeruun, mootummaa biyya itti fufsiisu hundeessuuf hirmaannaan hawaasaa daran murteessaa ta’uu himan.

 

Filannoon meeshaalee mirgi filachuu fi filatamuu itti mirkanaa’u ta’uu isaa hawaasni sirnaan hubachuu qabu jedhan.

Lammiileen paartii biyyaa fi dhalootaaf ta’u akka filatan waamicha dhiyeessaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment