Himatawwan Idil-addunyaa Biyya Irratti Banaman Ofirraa Ittisuun Danda’ameera – Haannaa Ar’aayasillaasee

Finfinnee, Eebla 16, 2018 (FMC) – Bu’a-qabeessummaa sirna haqaa dabaluudhaan himatawwan idil-addunyaa biyya irratti banamanii turan ofirraa ittisuun akka danda’ame Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aayasillaasee dubbataniiru.

Gamaggamni raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaan fi kan ji’oota sagalii bara baajataa 2018, Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Haqaa waltajjicha ilaalchisee ibsa kennaniin, saffisaa fi bu’a-qabeessummaa sirna haqaa guddisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dameen haqaa jijjiirama dura rakkoolee bu’uuraa hedduu qabaachuu yaadachiisanii, waggoota saddeettan darban keessatti rakkoolee kanneen furuuf fooyya’insi seeraa hedduun hojiirra oolaniiru jedhan.

Akka ibsa isaaniitti, fooyya’insi kunis qindoomina dhaabbilee fi hojimaanni hundi seera irratti akka hundaa’u taasiseera.

Haqni akka hunda qaqqabu gochuu keessatti, sirnoota kenninsa murtii aadaatiif beekamtii seeraa kennuun fooyy’iinsa geggeeffame keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Dhaabbilee haqaa Federaalaa fi Naannoo jiran qindeessuudhaan bu’aawwan gurguddoon galmaa’uu fi tarsiimoon haqaa haaraanis hojiitti galuu kaasaniiru.

Himatawwan idil-addunyaa biyya irratti banaman haala bu’a-qabeessa ta’een qolachuun danda’amuus dubbatanii, dhimma itti-gaafatamummaa doolaara miiliyoona 300 fi miliyoona 50 guutummaatti qolachuun danda’amuu kanaaf akka fakkeenyaatti dhiyeessaniiru.

Kunis Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane, Afriikaadhaafis milkaa’ina guddaadha jedhan.

Soosinnaa Alamayyoon

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment