Obbo Tamasgeen Xurunaan Itiyoophiyaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Huwaawee waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 21,2019(FMC)- Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Itiyoophiyaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Huwaawee Eeriik Yuwaan waliin mari’ataniiru.
 
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itiyoophiyaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Huuwaawee ta’uun dhiyeenya hojii kan eegalan Eeriik Yuwaan waliin marii bu’aa qabeessa taasisneerra jedhaniiru.
 
Mariisaaniin, hojiilee ce’umsa diijitaalaa mootummaan imala diijitaalaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuufi saffisiisuuf hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu Hojii Raawwachiisaan dhaabbatichaa naaf ibsaniiru jedhan.
 
Huuwaaween tattaaffii mul’ataafi galmawwan misoomaa milkeessuuf taasifnu keessatti, keessumaa bu’uuraalee misoomaa ICT fi damee quunnamtii odeeffannoo keessatti qooda olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.
 
Imala diijitaal Itiyoophiyaa 2030 keessattis dameewwan tumsaa waliin hojjechuu dandeenyurratti mari’anneerra jechuun eeraniiru.
 
Wayita ijaarsi diinagdee diijitaalaa keenya milkaa’inaan imalaa jiru kanatti Huwaaween qooda isaa akka bahatuufi hariiroo hojii qabnu caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf waliigalleerra jedhan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment