Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2019 (FMC) – Gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa Ulaa Galaanaa irratti qabdu, gaabbii seenaa darbe irraa gara injifannoo biyyaalessaatti kan ceesisu ta’uu paartileen siyaasaa garaagaraa ibsan.
Ulaan Galaanaa faayidaa daldalaa fi dinagdee bira darbee walitti hidhamiinsa addunyaa, fayyadamummaa waliinii, nageenyaa fi tasgabbii akkasumas faayidaawwan biroo mirkaneessuuf bu’uura misoomaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni hoggantoota paartilee siyaasaa ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, Itiyoophiyaan karaa haqa-qabeessaa hin taaneen Ulaa Galaanaa dhabuun ishee kan nama gaddisiisuufi deebii argachuu kan qabu ta’uu kaasaniiru.
Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii “Hiddaasee” Injiinar Suraafel Isheetuu akka ibsanitti, gareen seeraan alaa ABUT, maqaa biyya bulchuu jedhuun kaayyoo Itiyoophiyaa diiguu qabatee hojjechaa tureera.
Gareen kun Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa karaa seeraan alaa akka dhabdu gochuudhaan, gantummaa seenaan hindaganne raawwachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Lammiileen waa’ee Ulaa Galaanaa yaada kamiyyuu akka hin kennine ukkaamsuun, dhaloonni beekumsa waa’ee abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa akka hin horanne gochuun, amala abbaa irrummaa fi faayidaa biyyaalessaaf dhimma kan hin qabne ta’uu hojiin agarsiisuu ibsaniiru.
Kanaafis, gaaffiin abbummaa Ulaa Galaanaa agarsiiftuu guddaa ta’uu kaasuun, dhimichi kan mootummaa qofa osoo hin taane, dhimma uummata bal’aa, paartilee morkattootaa fi qaamolee hundaa ta’uu ibsaniiru.
Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa(EZEMA) Yohaannis Makonnin gama isaaniin, Itiyoophiyaan seenaa, teessuma lafaa, baay’ina uummataa fi ulaagaalee seeraa irratti hundaa’uun abbaa Ulaa Galaanaa ta’uu akka qabdu ifa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa Galaana Diimaa irraa adda baasanii ilaaluun akka hin danda’amne kan kaasaan Arkiteek Yohannis, gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan kaastu gaaffii sirrii fi haqa-qabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu biyyattii bulchuu erga jalqabee kaasee dhimma Ulaa Galaanaa ajandaa ijoo godhachuun, faayidaan biyyaalessaa akka kabajamuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni akkuma injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha irratti mul’isan, milkaa’ina gaaffii Ulaa Galaanaaf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Qabeenyi uumamaa Itiyoophiyaan qabdu ishee qofa osoo hin taane biyyoota naannawaatiifis kan gahu ta’uu kan dubbatan ammoo Pirezidaantii Itti Aanaa Paartii Diimokiraatawaa Hibir Itiyoophiyaa Abarraa Baqqalaati.
Diinonni seenaa Itiyoophiyaan shiraan Ulaa Galaanaa akka dhabdu gochuun sirrii akka hin turre kaasanii, abbummaan Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa biyyoota naannawaatiifis carraa kan uumu waan ta’eef, gaaffiin kun ajandaa biyyaalessaa paartilee siyaasaa hundaa ta’uu hubachiisaniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa