Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Hojiilee riifoormii damee barnootaan eegalaman caalmaatti itti fufsiisuuf murannoon nan hojjedha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa – Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaan har’a Ministira Barnootaa ta’uun irra deebiin muudamaniiru.
Hojiileen Riifoormii damee barnootaan eegalaman kan hin xumurame ta’uu kan eeran Piroofeesar Birhaanuun, hojiilee eegalaman galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon olaanaan kan hojjetan ta’uu dubbatan.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii ijoo yeroo itti aanuu ta’uu himan.
Itiyoophiyaa giddugaleessa godhachuu, faayidaa biyyaalessaa dhimma kamiifuu dabarsanii kennuu dhiisuu, akkasumas garaagarummaa jiru mariidhaan furuuf muuxannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Malaakuu Gaddifiin
#MootummaaIda’amuu