Hojiilee riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban keessa hojjetaman bu’aa fidaniiru – Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Ebla 14, 2018(FMC)- Hojiilee riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban keessa hojjetaman bu’aa fidaniiru jedhan Ministirri Karooraa fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa.

Gabaasni raawwii hojii ji’oota sagalii fi gamaggamni hojii guyyoota 100, bakka Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad argamanitti Doktar Fitsum Asaffaan dhiyaateera.

Dooktar Fitsum gabaasa dhiyeessan kanaan akka ibsanitti; haala qabatamaa biyyaa, uummataa fi qabeenyaa bu’uura kan godhate hojiin riifoormii bal’aan hojjetamaa tureera.

Kanaanis gaheen mootummaa irra deebi’amee akka qoratamu taasifamuu eeranii, mootummaan diinagdee keessatti seera baasuu fi kabachiisuun alatti, damee dhuunfaa waliin qindoominaan akka hojjetu taasifamuu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa lama qophaa’uu eeranii, inni lammataas xumuramaa akka jiru ibsaniiru.

Kanaanis jijjiiramni diinagdee guddaan dhufuu isaa kaasuun, riifoormichi bu’aa qabatamaa fiduu dubbataniiru.

Dameewwan guddina diinagdee qulqullina qabu galmeessisan, oomishtummaa dabalanii fi carraa hojii uuman irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Faayinaansii misoomaa waaraa ta’e marii dippiloomaasii milkaa’aan fiduun danda’amuu dubbatanii, kunis misoomni keenya haala gaariin akka raawwatamu nu dandeessiseera jedhan.

Waggoottan saddeettan darban keessatti mootummaan doolaara tokko illee akka hin liqeeffanne kan kaasan Dooktar Fitsum, filannoowwan faayinaansii haaraa hojii irra ooluu hubachiisaniiru.

Gabaan kaappitaalaa diinagdee Itiyoophiyaa caalaatti ammayyeessuu fi jabeessu hojii eegaluu isaa eeranii, diinagdeen biyyattii guddina uumamaa isaa eeggatee deemaa jiraachuus himaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin

Comments (0)
Add Comment