Guddina Finfinnee fi Beekamtii Idil addunyaa …

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2019 (FMC) – Finfinneen magaalaa seenaa boonsaa qabdu, uumamaan miidhagduu fi misoomaan haaromfamtee gara egeree abdachiisaatti tarkaanfachaa jirtuudha.

Magaalonni tokko tokko seenaa isaanii irraa beekamu; kanneen biroon ammoo bareedina uumamaa isaaniitiin dinqisiifamu.

Magaalonni kaan immoo qaroomina, guddina ammayyaa fi dhiibbaa idil addunyaa irratti qaban irraa beekamu.

Finfinneen garuu amaloota kana hunda of keessatti hammachuun, seenaa fi ammayyumma, uumamaa fi jireenya magaalaa, ulfina seenaa durii fi abdii egeree walitti fiduun magaalaa addaa taateetti.

Finfinneen teessoo mootummaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, magaalaa guddoo Afrikaa, wiirtuu dippiloomaasii fi mallattoo tokkummaa ardichaa ta’uunis ni beekamti.

Magaalattiin wiirtuu dippilomaasii ardichaa ta’uu ishee kan mirkaneessu keessaa tokko waajjira muummee Gamtaa Afrikaa dabalatee dhaabbilee idil addunyaa fi ardii hedduu keessummeessuu isheeti.

Kunis beekamtii, fudhatamaa fi maqaa gaarii sadarkaa addunyaatti qabdu daran ol kaasera.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa, dippilomaatonni, invastaroonni fi daawwattoonni kutaalee addunyaa adda addaa irraa gara Finfinnee dhufan muuxannoo argatan, magaalattii foddaa Afrikaa gara addunyaatti banamu taasiseera.

Finfinneen bara 2026 Badhaasa Idil addunyaa Misooma Magaalaa Itti Fufiinsa Qabu kan Shaangaay (Shanghai Award) injifachuun magaalota badhaafaman shan keessaa tokko ta’uu dandeesseetti.

Hojiiwwan misooma magaalaa Mootummaa Ida’amuu keessatti raawwatamanii fi itti fufinsaan babal’achaa jiran, bifa Finfinnee caalaatti miidhagsuu fi haala jireenya jiraattotaa fooyyessuun boqonnaa haaraa banuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Keessumaa hojiiwwan misooma koriidarii magaalattii bareechuu qofa osoo hin taane, jireenya magaalaa haala ammayyaatiin fooyyessuuf carraawwan haaraa uumaniiru.

Daandiiwwan miilaa babal’isuu, qarqara daandiiwwanii miidhagsuu, iddoowwan magariisaa, iddoowwan ispoortii fi paarkiiwwan uummataa ijaaruun Finfinnee jiraattotaa fi daawwattootaaf mijattuu taasisaa jiru.

Faayidaan guddaan misooma koriidarii bareedina magaalaa ijaan mul’atuun qofa osoo hin daangeffamne, gara qulqullina jireenya qabatamaatti ceesisuu isaati.

Qaroominni magaalaa ammayyaa baay’ina gamoowwanii fi bal’ina daandiiwwaniin qofa kan madaalamu osoo hin taane, uumamaa fi jireenya magaalaa walitti makuun naannawaa jireenyaaf mijataa uumuu danda’uunis madaalama.

Kanaan walqabatee, hojiiwwan misooma qarqara laggeenii fi bu’uuraalee misoomaa magariisaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran miidhagina magaalattii fi qulqullina jireenya jiraattotaaf gumaacha guddaa qabu.

Qarqara laggeenii misoomsuu, naannolee magaalattii miidhagsuu, iddoowwan magariisaa babal’isuu fi iddoowwan bashannanaa uummataaf mijatoo ta’an uumuu irratti xiyyeeffannoon kennameera.

Kunis Finfinnee magaalaa ammayyaa miidhagina uumamaa qabdu taasisuuf tattaaffii taasifamaa jiru cimseera.

Kaayyoon bu’uuraa misooma magaalaa tokkoo lammiileen mana jireenyaa gatii madaalawaa qabu, nageenyi isaa eegameefi jireenyaaf mijataa ta’e akka argatan taasisuudha
.
Lammiileen iddoowwan jireenyaaf mijataa hin taane keessatti haala rakkisaa keessa jiraachaa turan, hojiiwwan misoomaa nama irratti xiyyeeffataniin, raawwatamaa jiraniin gara manneen jireenyaa ammayyaa fi mijatoo ta’anitti ce’aa jiru.

Keessumaa misoomni manneen jireenyaa walitti hidhame, mana jireenyaa qofa osoo hin taane daandii, bishaan, ibsaa, tajaajila fayyaa, barnootaa fi bashannanaa waliin qindeessee dhiyeessuun qulqullina jireenyaa jiraattotaa fooyyessa.

Akkasumas Sirni geejjibaa dhaqqabamaa, nageenya qabuu fi bu’a qabeessa ta’e yeroo lammiilee qusata, sochii dinagdee jajjabeessaa, akkasumas dhiibbaa jireenya magaalaa keessatti mudatu hir’isa.

Magaalattiin misooma har’aa kutannoon babal’isaa, abdii boruu ijaaruu irratti argamti.

Tsahaay Gulummaatiin.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment