Finfinnee, Onkololeessa 21, 2019 (FMC) –Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Diggaatti Balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 5 darbeera.
Balaan kun Ganda Arjoo Qonnaan Bulaa bakka addaa Naannoo Warshaa dhagaa Cilee Arjoo jedhamee beekamutti mudachuu Waajjirri Poolisii Aanichaa himeera.
Balaan har’a naannawaa sa’aatii 1:15 mudate kanaan lubbuun namoota 5 battalumatti darbuu ibsame.
Konkolaataan magaalaa Naqamtee irraa gara Magaalaa Guddattuu Arjoo dhagaa Cilee fe’uuf imalaa ture konkolaataa Pikaappii abbaa Gabbinaa Lamaa kallattii Lixa irraa gara Magaalaa Naqamtee deemaa ture irra bahuun balaa kana qaqqabsiisuu Ho/Ol/Ku/Qorannaa Yakkaa Waajjira Poolisii Aanichaa Inispeektar Dimbaashaa Tarfaasaan ibsaniiru.
Galaana Tasfaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa