Hojiiwwan Ashaaraa magariisaa baroottan darban hojjatamaniin bu’awwan hedduun argaman- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC)- Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Ilaalaatti biqiltuu dhaabaniiru.
Pireezidaanti Shimallis haasawa taasisaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu waggoottan darbaniin uwwisni bosonaa naannichaa % 17 ture gara %29’tti ol guddachuus himaniiru.
Waggoottan itt aananittis gara % 40’tti ol guddisuuf hojjetamaa jiras jedhan.
Biqiloonni dhaabbamanis oomishaa fi oomishtummaa dabaluun haala qilleensaa foyyeessaa jiraachuus eeraniiru.
Comments (0)
Add Comment