Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC) – Tajaajilli Elektiriikaa Itoophiyaa maamiltoonni haaraa lakkooftuu elektiriikaa barbaadanii fi dandeettii maallaqaa ga’aa hinqabne fayyadamoo kan itti ta’an hojimaata haaraa diriirsuu beeksise.
Hoji-raawwachiisaan Maarketiingii, Gurgurtaa fi Tajaajila Maamiltootaa tajaajilichaa Obbo Isaayyaas Dandir ibsa kennaniin; kutaaleen hawaasaa dandeettii maallaqaa murtaa’aa qaban kaffaltii isaanii yeroo waggaa lamaa keessatti kaffalanii akka xumuran sirna isaan dandeessisu hojiirra oolchuuf qophiin xumurameera jedhan.
Hojimaatni haaraa diriire kun maamiltoota haaraa lakkooftuu idilee ykn “single phase” barbaadaniif qofa akka ta’e ibsaniiru.
Tajaajilichi qorannoo geggeesseen, magaalota keessatti lammiileen dandeettii maallaqaa dhabuun lakkooftuu galfachuu hin dandeenye jiraachuu isaanii mirkaneessuu eeranii; kana tilmaama keessa galchuun lammiilee yeroo tokkotti kaffaluu hin dandeenyeef hanga ji’a 6tti kaffaltii tajaajilichaa dhala tokko malee akka argataniif hojimaatni kun qophaa’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan, maamiltoonni:
Ji’a 6 hanga 12tti: dhala dhibbeentaa 3
Ji’a 12 hanga 18tti: dhala dhibbeentaa 6
Ji’a 18 hanga 24tti: dhala dhibbeentaa 9
kaffaluun tajaajilicha argachuu akka danda’an ibsaniiru.
Bara bajataa darbe keessa lakkooftuu haaraa walakkaa miiliyoonaa ol maamilootaaf galchuun akka danda’ame kaasuun, waggaa kanatti immoo lakkooftuu haaraa kuma 800 ol galchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Qiddist Biraanuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia