Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Hojmaanni lammiileen biyyoota alaa mana jireenyaa akka argataniifi abbaa qabeenyaa ta’an eeyyamu hojiirra ooleera jedhe Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas akkaataa Labsii Lakkoofsa 1388/2017 irratti hundaa’uun, lammiileen biyyoota alaa mana jireenyaa akka bitatan eeyyamu raggaasiseera.
Haaluma kanaan, qajeelfamni qophaa’ee, lammiin biyya alaa kamiyyuu ulaagaalee kaa’aman guutuun mana jireenyaa akka argatu hojmaanni dandeessisu hojiirra ooleera.
Qajeelfamicha irratti hundaa’uun, lammiin biyya alaa tokko yoo xiqqaate kaappitaala doolaara kuma 150 qabaachuu akka qabu eerameera.
Dabalataanis, manneen jireenyaa deeggarsa mootummaan ijaaraman bitachuu akka hin dandeenye ibsameera.
Fevan Bishaawutu gabaase.