👉 Hojiin nageenyaa gatii nageenyi imala guddina Itiyoophiyaaf qabu qorateefi yeroo kamiyyuu caalaatti hojiin gamtaa, tumsaafi Itiyoophiyaaf dursa kennu ni hojjetamu,
👉 Ce’umsi caaseffamaa hundagaleessi qulqullina bu’uureffate akka jiraatu ni taasifama,
👉Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay’inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun misoomni lammii giddugala godhate ni saffisiifama,
👉Guddina biyyattiif faayidaa guddaa kan qaban galteewwan indaastiriifi qonnaaf akkasumas ijaarsi bu’uuraalee ammayyaa dandeettii ofiin akka of danda’an ni taasifama,
👉Raawwii pirojektiifi faayinaansii pirojektii ammayyaa, ariifataafi itti gaafatamummaa qabu gochuuf ni hojjetama,
👉 Bu’uura taaksii ammayyeessuun ida’aa haalaan bulchuu, akkasumas dandeettiin galiifi baasii mootummaa haalaan to’achuu ni guddata,
👉Qindoominni hojii mootummaa federaalaafi naannolee gidduu jiru akkasumas raawwiin isaanii kan waltumsu, waldeeggaruu, si’ataafi hanqina kan hin qabne akka ta’u ni taasifama,
👉Hariiroo alaa Itiyoophiyaa fudhachuurraa gara dhiibbaa uumuutti kan ceesisu keessumaa michuuwwan baay’isuuf ni hojjeta; ilaalcha diinummaa kan qaban ammoo kan gorsu nageenya naannawaafi walitti hidhamiinsa diinagdeef yeroo kamiyyuu caalaa dursa kan kennu, kaka’umsa kan qabuufi fudhatamummaa idil-addunyaa keenya kan guddisu ta’a.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#MootummaaIda’amuu