Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) – Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee, jabinni raayyaa ittisa biyyaa fi qaamolee nageenyaa, akkasumas dandeettiin raawwii hojii fi ergama raawwachuu isaanii kan ammaa caalaa akka olka’uuf mootummaan waan barbaachisu hundaa ni raawwata jedhan.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Manni Maree Federeeshinii RDFI walgahii idilee waloo waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa isaanii, bakka Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad dabalatee miseensonni filatamtoonni manneen maree lamaanii argamanitti gaggeessaniiru.
Pireezidanti Taayyeen ergaa baniinsaa walga’ichaa irratti dabarsaniin , “Miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota nageenyaa federaalaa, uummataaf jaalala, lammiitiif gaachana ; ofi irra biyyaa fi kabaja biyyaalessaaf amanamoo ta’uu fi birmaddummaa Itiyoophiyaa alaabaa godhachuun cichoominaan dhaabattan; kutannoo keessaniif, jaalala biyyaaf qabdaniif, dandeettii raawwii fi jaalala uummataa argisiiftaniif mootummaan galata guddaa isiniif dhiyeessa” jedhaniiru.
Itti dabaluunis, carraaqqiin miseensonni raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa eeguu, baraaruu fi kabajaan tursiisuuf taasisan bara baraan kan yaadatamu ta’uu ibsaniiru.
#MootummaaIdaa’amuu
Malkaam Fiqaaduutiin
\