Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) – Misoomni biyya tokkoo kan madaalamu mul’ata guddaa qabaachuu qofaan osoo hin taane, humna raawwachiisummaa mul’ata sana gara bu’aa qabatamaatti jijjiruun.
Mul’anni kallattii agarsiisa; karoorrimmoo daandii diriirsa; raawwiin garuu daandii sana gara gahumsaa fi ga’umsaatti jijjiira. Muuxannoo Itiyoophiyaa amma jiru irraa yoo ilaalle, humni raawwachiisummaa kun dameewwan adda addaa keessatti ijaaramaa dhufeera.
Keessumaa rakkooleen erga uumamanii booda deebii kennuu irra, rakkoo dursee adda baasuu, akkasumas sirna ittisaa fi furmaataa ijaaruun aadaa ta’aa dhufeera.
Ijaarsi biyya ammayyaa rakkoon erga uumamee booda furmaata barbaaduu qofa hin gaafatu. Sababa rakkoo dursee hubachuu, balaa dhufu tilmaamuu fi balaa sana dura sirna ittisaa diriirsuu gaafata.
Humni dhaabbilee, bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii, humni namaa fi sirni beekumsaa har’a ijaarramu, deebii boru rakkoolee dhufaniif kenninu murteessa.
Kana ilaalchisee, dursee yaaduun qulqullina imaammataa qofa osoo hin taane, wabii nageenyaa fi misooma biyyaati. Haala kanaan Itiyoophiyaan fedhii addunyaa gara fuulduraa wajjin tarkaanfachuuf damee teeknooloojii odeeffannoo akka utubaa tokkootti fudhattee irratti hojjechaa jirti.
Keessumaa hubannoo namtolchee (AI) dinagdee addunyaa, barnoota, fayyaa, qonna, indaastirii fi tajaajila mootummaa irratti jijjiirama guddaa fiduu isaa irraa kan ka’e, Itiyoophiyaan damee kana irratti duubatti hafuu dhiisuuf xiyyeeffannoo addaa kenniteetti.
Jijjiirama teeknooloojii kana keessatti Itiyoophiyaan fayyadamaa qofa osoo hin taane, uumaa fi dorgomaa ta’uuf, akkasumas rakkoo har’aa caalaa dandeettii boruu ijaaruuf hojjechaa jirti. Kunis mul’ata biyyaalessaa waliin walqabatee humna namaa, qorannoo, daataa fi teeknooloojii ijaaruu gaafata.
Haala kana keessatti, mootummaa Ida’amuu jalatti Yuunivarsiitii AI hundeeffamuu isaa arguun ni danda’ama. Tarkaanfiin kun Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee teeknooloojii yeroo ammaa qofa osoo hin taane, damee tarsiimawaa dinagdee gara fuulduraa fi dandeettii biyyaalessaa murteessuu danda’u ta’uu isaa hubachuu ishee agarsiisa.
Hubannoo namtolchee fayyadamuunii fi uumuu sadarkaa dandeettii adda addaa lama. Teeknooloojii qophaa’e fayyadamuun faayidaa yeroo gabaabaa fiduu danda’a; beekumsa, qorannoo fi furmaata mataa ofii ijaaruun garuu dandeettii biyyaalessaa yeroo dheeraa uuma.
Kanaaf, hubannoon namtolchee barnoota, qorannoo, qonna, fayyaa, faayinaansii, indaastirii fi tajaajila uummataa keessatti akka hojiirra ooluuf sirna ikoo kalaqaa ijaaruun barbaachisaa dha.
Keessumaa afaanota Itiyoophiyaa, dhugaa hawaas-dinagdee naannoo keenyaa fi fedhiiwwan addaa biyyattii qorannoo fi misooma AI keessatti gahumsa qabuun hammachiisuun murteessaadha.
Kunis Itiyoophiyaan teeknooloojii biyyoota biroo fayyadamu qofa osoo hin taane, ofii isheefis ta’e Afrikaaf furmaatawwan sirrii ta’an gumaachtu akka taatu gargaara.
Qulqullinni humna namaa, oomishni beekumsaa, kalaqni teeknooloojii, dandeettiin daataa fi saffisni raawwii dorgommii biyyootaa murteessu.
Daandiin gara fuuldura ifa ta’e Itiyoophiyaa guyyaa tokko keessatti kan ijaaramu miti. Inni kan ijaaramu muuxannoo kaleessaa irraa barachuun, carraa har’aa fayyadamuun, akkasumas qormaata boruu dursee yaaduuni.
Mootummaan Ida’amuu yaada gadi fagoo irratti kan hundaa’e, rakkoolee osoo hin uumamin dura kan adda baasu, furmaata bu’a qabeessaa fi rakkoo ce’umsaa furu uumuu, akkasumas furmaatawwan uumaman gahumsaan hojiirra oolchuu qaba.
Hubannoon namtolchee imala kana keessatti damee teeknooloojii tokko qofa miti; dandeettii Itiyoophiyaa boruu har’a ijaaruuf kan gargaaru meeshaa tarsiimawaadha.
Itiyoophiyaan bara hubannoo namtolchee keessatti beekumsa mataa ishee, furmaata mataa ishee fi dandeettii gara fuulduraa mataa ishee ijaaruuf daandii dheeraa deemteetti.
Daandiin gara Itiyoophiyaa ifa taatetti geessu kan ijaaramus kanaani. Rakkoo boruu har’a yaaduun, carraa har’aa har’a fayyadamuun, yaada gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun mallattoo ijoo mootummaa Ida’amuuti.
#Mootummaa_Ida’amuu
Abeel Niwaayiin