Imala ce’umsa Diinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Jijjiiramni qabeenya qilleensaa addunyaa yeroo ammaa biyyoota hedduu qoraa kan jirudha.

Akka qorannoowwan Paanaaliin Jijjiirama qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii agarsiisanitti, hongee, balaa lolaa fi jijjiiramni haala qilleensaa, keessumaa biyyoota guddachaa jiran keessatti, kufaatii diinagdee itti fufiinsa qabu, rakkoo wabii midhaan nyaataa fi buqqaatii guddaa dhaqqabsiisaa jiru.

Jijjiirama haala qilleensaatiin bu’uuraalee misoomaa yeroo barbadaa’an, dameewwan oomishaa yeroo laafan, oomishni waliigalaa biyya keessaa ni hir’ata. Kunis wabii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu caalaatti rakkisaa taasisa.

Itiyoophiyaan qormaata addunyaa kanaa dursitee hubachuun, waggoota shanan darban keessatti ijaarsa diinagdee magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu imaammata misoomaa ishee keessatti giddugaleessa taasifachuun hojjechaa turte.

Damee qonnaa waggoota dheeraaf utubaa diinagdee biyyattii ta’ee ture dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa irraa bilisa gochuu fi eegumsa naannoo guddina diinagdee waliin walitti hidhuun, qaama tarsiimoo kanaati.

Karoora Misoomaa Waggoota Kudhanii Itiyoophiyaa keessatti ifatti akka ibsametti, heddumminni diinagdee fi nageenyi naannoo hammattoowwan misoomaa wal simanii adeemanidha.

Biyyattiin guddina indaastirii madda anniisaa haaromfamaa irratti hundaa’e ijaaruuf Afrikaa irraa adda durummaan tattaaffiin gochaa jirti.

Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa, akkasumas pirojektoonni anniisaa bishaanii, qilleensaa, soolaarii fi baayogaazii, fedhii anniisaa indaastirii biyyattii guutuu bira darbee, hanga gadi-lakkifama kaarboonii hir’isu keessatti gahee olaanaa qabu.

Humni elektirikii anniisaa haaromfamaa biyyoota ollaaf dhiyeessuu danda’uun, walitti hidhamiinsa diinagdee magariisaa naannichaa cimsuu fi sharafa alaa dabalataa argamsiisuuf tarkaanfii tarsiimawaa ta’eera.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, sagantaa muka dhaabuu irraa darbee, bu’uura diinagdee fi eegumsa naannoo ta’eera. Sululawwan manca’an deebisanii haareessuu, gabbina biyyee dabaluufi hanga bishaan lafa jalaa guddisuun, damee qonnaatiif bu’uura cimaa kaa’eera.

Biqiltoonni nyaataaf oolan kanneen akka avokaadoo, maangoo fi paappaayaa sagantichaan hammataaman, lafa manca’e uwwisuu qofa osoo hin taane, galii qonnaan bultootaas dabalaa jiru.

Oomishaalee fuduraa qulqullina qaban gabaa Awurooppaa fi Baha Giddugaleessaatti dhiyaachaa jiraachuun, daldala al-ergii qonnaa dabalaa jira.

Uwwisa bosonaa dabaluudhaan galii dabalataa gurgurtaa kaarboonii irraa argachuuf caasaaleen dhaabbilee fi seeraa cimsamuun, biyyattiin eegumsa naannoo irraa kallattiidhaan faayidaa faayinaansii akka argattu taasisaa jira.

Baballinni misooma jallisii, misoomni qamadii bonaa fi sanyiiwwan midhaanii haaraa hongee dandamatan babal’isuun, damee qonnaa hirkattummaa roobaa jalaa baasaa jira.

Kunis karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf qabame gara hojiitti hiikaa jira.

Imalli ijaarsa diinagdee magariisaa Itiyoophiyaa, miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira.

Kunis biyyattiin dhiibbaa uumamaa fi diinagdee addunyaa jalaa baatee caasaa diinagdee itti fufiinsa qabuufi dandamataa ta’e akka ijaartuuf daandii amansiisaadha.

Taarikuu Laggasaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment