Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) — Gamtaan Afrikaa fi IGAD, nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuu irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Ali Yuusuf, Barreessaa Olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo waliin waajjira muummee Gamtaa Afrikaatti wal arguun mari’ataniiru.
Marii isaaniin, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Baha Afrikaatti mirkaneessuun itti danda’amu irratti mari’ataniiru.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo, nageenya Sudaan keessatti mirkaneessuuf tattaafachaa kan jiru Ergama Nageenyaa Sudaan waliin turtii taasisan ilaalchisee Mahaammad Ali Yuusufiif ibsaniiru.
Marii isaaniin, nageenyaa fi tasgabbii Sudaan keessatti mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti IGAD fi Gamtaan Afrikaa tumsa isaanii caalaatti cimsuuf waliigalteerra ga’aniiru.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia