Imala guddina damee Geejjiba Qilleensaa Itiyoophiyaa…

Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Loojistiiksii ammayyaa diriirsuun misooma Geejjibaa babal’isuun damee Tuurizimii si’eessuun bu’aa olaanaa galmeessaa jirti.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata guddaa Afrikaa Teeknooloojii ammayyaa hidhachuun tajaajila balallii si’ataa fi qulqullina olaanaa qabu kennuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa sadarkaa Addunyaatti olkaasaa jiruudha.

Dhaabbatichi madda galii ta’uurra darbee maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaruun Invastimantii fi daldala alaa hawwachuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira.

Buufataalee isaa ammayyeessuu fi babal’isuun hojiilee bal’aa hojjetaa jira.

Hojiilee hojjetaa jiruun yeroo gabaabaa keessatti beekamaa fi dorgomaa ta’eera.

Yeroo ammaa xiyyaarota ammayyaa, daandiiwwan bal’aa fi tajaajila idil-addunyaa qaba.

Finfinnee giddugala isaa godhachuudhaan biyyoota Afrikaa hedduu, akkasumas Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaa fi Baha Giddugaleessaa waliin wal qunnamsiisa jira.

Teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun, baay’ina xiyyaarotaa dabaluun, tajaajila fooyya’aa fi si’ataa kennaa jira.

Kanaaf, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guddina dinagdee fi walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti gahee guddaa bahataa jira.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa xiyyaarota hedduu kan qabu yoo ta’u, lakkoofsi kun yeroo yeroon xiyyaarota haaraa galanii fi kanneen tajaajilaa bahan irratti hundaa’uun ni jijjiirama.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 galii waliigalaa Doolaara Ameerikaa biliyoona 9.1 argachuu isaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa obbo Masfin Xaasoow ibsuun kan yaadatamuudha.

Bara baajataa imaltoota miiliyoona 20.7 tajaajiluu danda’eera.
Damee geejjibaa fe’umsaatiin ammoo fe’umsa toonii kuma 800 fi kuma 97 geejjibsiiseera.

Daandiin Qilleensichaa iddoo balalii idil-addunyaa afur haaraa dabaluun lakkoofsa buufataalee balalii idil-addunyaa isaa gara150tti guddiseera.

Balalii biyya keessaa guddisuun walqabatee waggaa kanatti iddoo balalii haaraa sadii dabaluun lakkoofsa buufataalee balalii biyya keessaa gara 25tti guddisuu danda’eera.

Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisuu fi naannolee garaagaraattis ijaarsi buufatalee gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaaf ffakkeenya guddaa akka ta’u eegama.

Pirojektichi guddaa kun faayidaan tarsiimawaa inni qabu invastimantii kallattii alaa gara Itiyoophiyaatti hawachuudhaan alattis yeroo ijaaramaa jiruu fi yeroo xumurames tajaajiloota kennamaniin lammiilee biyyattii kumaatamaan lakkaa’amaniif carraa hojii kallattii fi al kallattii uumaa jira.

Pirojeektiin ijaarsi Doolaara biiliyoona 12.5niin eegalame kun, Afrikaa keessatti isa guddaadha.

Marsaa 1ffaan wayita xumuramu imaltoota miiliyoona 60, guutummaatti yoo xumuramu ammoo imaltoota miiliyoona 100 fi miilyoona 10 akkasumas fe’umsa toonii miiliyoona 4 keessummeessuu danda’a.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment