Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) — Dargaggoonni qawwee baatanii jooran gara hojii isaaniitti deebi’uun hojiiwwan deebisanii dhaabuu irratti hirmaachuu akka qaban Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii Afaan Tigiriffaan kennaniin, waraanni badaa ta’uu ibsanii, waraanni waliinjj faayidaa hinqabne ammoo hundarra yaraa ta’uu hubachiisaniiru.
Hunda caalaa garuu, faayidaa humnoota alaaf jecha waraana gaggeessuun gocha hunda caalaa hamaa ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Waraana yeroo dhiyoo akka fakkeenyaatti kan kaasan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, miidhaan waraanni geessisu ifa ta’uu kaasuun, kan miidhaan irra ga’u inni guddaan dhala namaa ta’uu dubbataniiru.
Waraana kanaan dargaggoonni lakkoofsaan salphaa hin jedhamne lubbuu isaanii dhabuu, qaamaa miidhamuu, akkasumas miidhaa xiinsammuuf saaxilamuu ibsaniiru.
Kana malees, bu’uuraalee misoomaa fi dameewwan dinagdee irra miidhaan guddaan ga’uu eeraniiru.
Dargaggoonni hedduun humnaan qabamanii gara dirree waraanaatti geeffamuu fi hanga ammaatti kanneen hin deebine jiraachuu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, dargaggoota ammallee hin deebineefis, “Isaan jireenya qananiin jiraachaa jiru; ati maaliif duuta, maaliif madoofta?” jechuun gaaffii dhiyeessaniiru.
Itti dabaluunis, “Isaan waggoota 50f Dargiin wal waraanaaniiru; garuu hin du’an, hin madaa’an. Ijoollee isaanii biyya alaatti erguun, maatii isaanii Finfinnee kaa’anii, daldala warqee fi ijaarsa gamoo irratti bobba’aniiru” jechuun dubbataniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa