Dhaabbata maqaa gaarii Itiyoophiyaa fi Afrikaa ijaare- Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2019 (FMC) – Bara 1938 kan hundaa’e Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa, amma mallattoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa ta’eera.

Afrikaa fi Addunyaarratti dhaabbilee geejjibaa qilleensaa gurguddoo fi beekamoo keessaa isa tokko dha.

Daandiin qilleensaa kun bara 1938 hundeeffamee, hojii balalii isaa 1939 jalqabe.

Xiyyaarota shan fayyadamuun tajaajila balalii eegale.

Dhaabbata yeroo gabaabaa keessatti Geejjiba Qilleensaarraa qofa osoo hin taane fakeenya ummattoota gurraachaa ta’uu danda’eera.

Dhaabbata qormaatilee heddu keessatti milkaa’inoota galmeessuun mallattoo cichoominaa ta’eedha.

Kaayyoon isaa imaltoota saffisaa fi nageenyaan biyyoota Afrikaafi addunyaan wal qunnamsiisuu, akkasumas guddina dinagdee fi turizimii deeggaruu dha.

Bara 1939: Balalii jalqabaa Finfinnee irraa gara Kaayiroo, karaa Asmaraan taasise.

Waggoota itti aanan balallii isaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti babal’ise.

Bara Faranjootaa 2000 irraa eegalee: bakkeewwan ga’umsa isaa babal’isuun xiyyaarota ammayyaan tajaajila idil-addunyaa guddise.

Bara 2025/26 keessa imaltoota miiliyoona 20.7 ol ta’an geejjibsiise.

Galii Doolaara biiliyoona 9.1 argate.

Daandichi xiyyaarota ammayyaa kanneen akka ‘Airbus A350, Booyiingii 787 Diriieamliner, Booyiingii 777 fi Booyiingii 737’ fayyadamaa jira.

Amma akka addunyaatti bakkeewwan ga’umsaa 145 qaba.

Sadarkaa Afrikaatti bakkeewwan ga’umsaa 60 qaba.

Kan biyya keessaa ammoo 26’n gahuu ragaaleen fuulawwan dhaabbaticharraa argaman ni mul’isu.

Bara Faranjootaa 2034tti galii isaa Doolaara biiliyoona 20.6 qaqqabsiisuuf hojjetaa jira.

Tajaajila Fe’umsaa isaas caalmaatti babal’isuuf dhaabbata muffii malee hojjetaa jirudha.

Yeroo ammaa tajaajila isaa caalmaatti guddisuuf Buufata Xiyyaaraa Idil Bishooftuu ijaaraa jira.

Pirojeektiin kun Doolaara biiliyoona 12.5 kan ijaaramu yoo ta’u, adeemsa aviyeeshinii addunyaa keessatti jijjiirama guddaa fida jedhamee eegama.

Ijaarsi marsaa jalqabaa bara Faranjootaa 2030’tti xumuramee hojii kan galu yoo ta’u, waggaatti imaltoota miiliyoona 60 keessumeessuu danda’a.

Pirojeektichi guutummaatti yeroo xumuramu imaltootni keessummeessu miiliyoona 110tti ni guddisa.

Waggaatti fe’umsa toonii miiliyoona 3.73 geejjibsiisuu danda’a.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment