Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Wayita jijjiiramni qabeenya qilleensaa, gammoojjummaa fi mancaatiin qabeenya uumamaa guutuu addunyaatti yaaddoo guddaa ta’anii jiranitti sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa sosochii uummataa ta’eera.
Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa dandamachuuf Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaatti dinqisiifannaa olaanaa argateera.
Ashaaraan Magaariisaa Itiyoophiyaa eegumsa naannoo cinaatti, dinagdee magariisaa ijaaruu fi misooma waaraa dhugoomsuuf shoora olaanaa bahachaa jira.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona deebisanii misoomsuu, lafa manca’e suphuu, madda bishaanii kunuunsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu fi qabeenya uumamaa dhaloota dhufuuf tursiisuurratti xiyyeeffata.
Itiyoophiyaan biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman, kanneen oomisha nyaataa, misooma bosonaa, bareedina naannoo fi paarkiiwwaniif oolan dhaabuun seenaa hojjechaa jirti.
Bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame sosochiin uummataa guddaan kun duula dhaabbii biqiltuurra darbee lammiilee miiliyoonatti lakkaa’aman hirmaachisuun uwwisa bosonaa biyyattii sadarkaa olaanaan guddisuu danda’eera.
Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman waggoottan muraasa keessatti lalisuun uwwisa bosonaa waliigalaa biyyattii gara boqonnaa olaanaatti ceesisaniiru.
Hojiilee misooma bosonaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa sagantaa ashaaraa magariisaan hojjetamaniin Itiyoophiyaan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtiifi badhaasa argatteetti.
Hojiileen Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti aadaa magariisummaa dagaagsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu, carraa hojii babal’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dipilomaasii jijjiirama qilleensaa cimsuu keessattis gahee olaanaa bahateera.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif biqiltuuwwan dhaabbii kennuun, qajeeltoo waliin guddachuu hojiirra oolchaa fi imala Olkaa’iinsaa ishee cimsaa itti fufteetti.
Itiyoophiyaan karoora yeroo yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa COP32 qopheessituuf lakkoofsa biqiltuuwwan dhaabdee biiliyoona 65 dhaqqabsiisuuf kutannoon hojjechaa jirti.
Anniisaa haromfamaa fi ashaaraa magariisaatiin bu’aan argame Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP 32) bara 2027 Finfinneetti akka keessummeessitu carraa uumeera.
Yaa’iin Finfinneetti gaggeeffamu kun dippiloomaasii, tuuriizimii, dinagdee fi ijaarsa maqaa biyyaatiif carraa guddaadha.
Itiyoophiyaan yaa’ii 31ffaa irratti kan hirmaattu yoo ta’uu, ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa ni calaqqisiifti, haala addaa saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa ardii Afrikaa irratti mul’atuu fi fedhiiwwan ardichaa addunyaaf ni beeksisti jedhamee eegama.
Dabalataan invastimantiiwwan jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gargaaran hawwachuu, ce’umsa teeknooloojii saffisiisuu, akkasumas ijaarsa dandeettii fi dagaaginni ogummaa dhimmoota Itiyoophiyaan yaa’icharratti mariif dhiyeessituddha.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa