Imala Mootummaa Ida’amuu…

Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan waggoota muraasa darban keessa imaammata mootummaa Ida’amuun qophaa’aniin imala birmadummaa hundagaleessa mirkaneessuu eegalteetti.

Mul’ata Itiyoophiyaa cimtuu, sabdaneessummaa fi tokkummaa biyyaalessaa jabeessuun, rakkoolee jiran marii fi waliigalteen furuun, akkasumas dinagdee magariisaa ijaaruun seenaa haaraa galmeessuun cimee itti fufa.

Yaadama Ida’amuun kaayyoo Itiyoophiyaa guddoo ijaaruu milkeessuun caalaatti cimee hojjetama.

Hundeeffamni Mootummaa Ida’amuus Itiyoophiyaan biyya guddoo taatee akka itti fuftu abdii kan uumedha.

Mootummaan ida’amuu waggoota darban hojiiwwan misoomaa qabatamaan lafa irratti mul’atan hedduu hojjechuu tureera.

Mootummaan haaraanis imala misoomaa fi nagaa waaraa cimsuun jireenya lammiile fooyyessuu fi Itiyoophiyaa imaanaa uummata galmaan gahuu dandeessu ijaaruudha.

Uummanni Itiyoophiyaas imaanaa mootummaa kanatti kennate galma ni gaha jedhee eeggata.

Hundeeffamuu mootummaa Ida’amuu keessatti waadaa badhaadhina biyyaatu haareffame!

Itiyoophiyaan waggoottan saddeettan darban kana keessatti imala jijjiirama baay’ina qorumsaan adda hin cinnee taasisa baateen bu’aan ijaan mul’atufi harkaan qaqqabatamu hedduun galma’eera.

Waadaan uummata Itiyoophiyaaf waggoota saddeettan har’a galamaan hundi toora isaani eeggatani raawwatamaniiru.

Ijaarsi pirojektii humna Itiyoophiyaatiin hin yaadnefi hawwii fi gaabbii dhaloota hedduu kan ta’e Hidhi Haaromsa guddichi bakka ijaarsi isa dhaabbateerra ka’ee yeroo gabaaba keessatti ijaarame xumurameera.

Qonni ammayyaa’eera; hirkatummaafi eeggatummaan seenaa ta’eera.

Guddinni teeknoloojii dhaabbilee mootummaafi tajaajila hawaasa miti-mootummaa hunda keessatti jijjiirama olaanaa agarsiisaniiru.
Baroonni fuuldura keenya jiran ammoo kanan olitti bara itti badhaadhinni Itiyoophiyaa fiixee milkaa’ina olaanaatti tarkaanaftu akka ta’u shakkiin hin jiru.

Mul’ata biyyaalessaa galmaan ga’uuf, Itiyoophiyaan waan ishee barbaachisu ofiin murteessuun, kaayyoo ishee milkeessuuf ciminaan hojjetti.

Biyyoota ollaa waliin hariiroo gaarii fi tumsa bu’a qabeessa cimsuun, faayidaa waloo fi nageenya naannawaa mirkaneessuun ammas caalmaatti cimee itti fufa.

Itiyoophiyaan waggoota shanan dhufan keessatti olaantummaa fi dhiibbaa dippilomaasii waggoota darban keessatti mirkaneessite daran cimsuuf mul’ata tarsiimawaa guddaa qabattee jirti.

Xiyyeeffannoon ishee inni guddaan biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsa diinagdee fi bu’uuraalee misoomaa guddisuu, gurgurtaa humna elektirikaa Hidha Guddicha Haaromsaa babal’isuun giddugala anniisaa naannichaa ta’uu, akkasumas gaaffii ulaa galaanaa mirkaneessuudha.

Itiyoophiyaan wiirtuuwwan hawwata turizimii qabdu dachaan misoomsuun galii damicharraa argamu daran dabaluuf kutannaan hojiitti.
Dameen turizimii guddina dinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa qabaachuun, qabeenya uumamaa, seenaa, aadaa fi hambaa biyyattii gara carraa dinagdee fi hojii uumuutti jijjiiraa jira.kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa.

Bara 2019 irraa eegalee, karoora of danda’uu hojiirra oolchuun misooma Qonnaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, karoora of danda’uu kanaanis waan hundaan of danda’uuf karoorfamee hojjatamaa jira.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaa qaqqaaliin badhaate taatus waggoottaniif gumaachi dameen kun diinagdee biyyaaf taasisaa ture baay’ee gadi aanaa ture.

Mootummaan Ida’amuu hanqina kana furuuf damee albuudaa irratti fooyya’iinsa caaseffamaa gaggeessuun, invastimantii biyya keessaa fi alaa hawwachuun, akkasumas daldala seeraan alaa to’achuun tarkaanfiiwwan bal’aa fudhataa jira.

Sirnoota hojimaataa walxaxaa turan salphisuun, iftoomina uumuun, akkasumas hammattoowwan seeraa fi danbiiwwan kenniinsa eeyyamaa invastimantii alaa hawwachuuf gargaaran qopheessuun hojiirra oolcheera.

Itiyoophiyaan tajaajila giddugala tokkoo Masoob iddoowwan hundatti babal’isuun tajaajila ammayyaan fayyadamummaa waloo guddisuuf hojiin hojjechaa jirtu cimee itti fufeera.

Bara 2023tti Itiyoophiyaa Afrikaatti fakkeenya badhaadhinaa taate uumuuf galmi qabamee hirmaannaa godhameen yeroon milkaa’inaas dhiyaachaa jira.

Siifan Magarsaatiin

#MootummaaIda’amuu

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda

Comments (0)
Add Comment