Inisheetivii horsiisa qorannoo qurxummiifi lubbu-qabeeyyii bishaan keessaatiin deeggarame hojiitti galchineerra – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Waggoota sadii as inisheetivii horsiisa qurxummii, qorannoo qurxummiifi lubbu-qabeeyyii bishaan keessaatiin deeggarame hojiitti galchineerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis diinagdee Cuquliisaa Oromiyaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

𝗗𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗖𝘂𝗾𝘂𝗹𝗶𝗶𝘀𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮: 𝗤𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗕𝗶𝘀𝗵𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗢𝗺𝗶𝘀𝗵𝗮 𝗤𝘂𝗿𝘅𝘂𝗺𝗺𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶𝗳
Oromiyaan qabeenya lageenii, haroowwanii, hidhaawwanii, burqituuwwaniifi kuufamoota bishaanii kumatamaan lakkaa’aman akkasumas, sirnakkoo qonnaa danuun kan eebbifameedha. Haata’u malee, qabeenya bishaanii bulchuu ilaalchisee waggootaf dagannaa hamaa keessa turre. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, hanqina kana dafee mil’achuun, inisheetivii misooma beeyladaa jalatti “Misooma Qurxummii” akka utubaa ce’uumsa dinagdeefi wabii nyaataatti qabatee sochii eegale. Imala kana milkeessuuf, hoggansi qabeenya bishaaniifi misooma qurxummii, karoora tarsiima’oo “Dinagdee Cuquliisa” (Blue Economy) ijaaruu dubbii hangafaati.

𝗤𝘂𝗿𝘅𝘂𝗺𝗺𝗶𝗶𝗻 𝗦𝗼𝗼𝗿𝗮𝘁𝗮 𝗤𝗼𝗳𝗮 𝗠𝗶𝘁𝗶; 𝗜𝗷𝗮𝗮𝗿𝘀𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶
Aadaa misoomafi nyaata bishaan keessaa dagaagsuun, madda soorataa mirkaneessuu qofarratti kan danga’u miti. Bu’uura ijaarsa dhaloota sammuun qarameefi qaamaan cimaa ta’ee mirkaneessutillee. Nyaanni qurxummii qabiyyee (protein, vitamin, Omega-3) dhaloota gama hundaan dorgomaa ta’e uumuuf barbaachisuun kan badhaadhedha. Inisheetiviifi hojiin idilee misooma qurxummii galmoota wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii umuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoota’u, hojiiwwan hanga ammaatti raawwatamaniin bu’aawwan abdachiisoon argamaa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waggoota sadii as inisheetivii horsiisa qurxummii qorannoo qurxummiifi lubbu-qabeeyyii bishaan Keessaatiin deeggarame hojiitti galcheera. Adeemsa kanaan, imalli ce’umsa gabaafi mala omishaa aadaa irraa gara sirna ammayyaawaafi qorannoon miilteffameetti taasifamu karaa qabachaa jira. Akkasumas cancalli sonaa (value chain) baldhaan ijaaramuurratti argama.

𝗔𝗴𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝗳𝘁𝘂𝘄𝘄𝗮𝗻 𝗜𝗺𝗮𝗹𝗮 𝗝𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗠𝘂𝗿𝗮𝗮𝘀𝗮
Sanyii qurxummii fooyya’aa gosa sadi qorannoon adda bahan irraa cuucii baay’isuun raabsuurratti argamna. Bara omishaa 2017, cuucii qurxummii mil. 2 kan raabsine yoota’u, haroowwan harka namaatiin qotaman (ponds) 1,236 qopheessineerraa. Barichatti, qurxummii kuntaala kuma 258 omishuuf karoorfamee, kutannoo dargaggoota, qonnaan bultootaafi ogeeyyii keenyaan, kuntaala kuma 331 ol gabaaf dhiyeessuun danda’ameera. Bara 2018 cuucii qurxummii mil. 2.74 raabsuuf karoorfannee, hanga kurmaana sadaffaatti karoora waliigalaatii ol mil. 3.1 magaalotaafi baadiyyaatti raabsineerra.
Gama kanaanis, qindoominni ummataafi mootummaa gidduutti umamaa jiru, imala jijjiiramaa fulla’aa karaa qabsiisurratti argama. Akkasumas, hawaasni hedduun carraa hojii ummachuun oomishtummaa qurxummii keessatti kallattiifi alkallattiin hirmaachuu kan jalqaban yoota’u, dargaggoonni keenya laggeen, haroowwan, hara nam-tolcheefi hidha jallisii fayyadamuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’aa jiru.

𝐄𝐠𝐞𝐫𝐞: 𝐇𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞𝐟𝐢 𝐀𝐤𝐞𝐞𝐤𝐚
Toora bobbii haaraa ummata biratti hinbaramne kana, sadarkaa olaanaa kanatti karoorsuun qormaata malee akka hinmilkoofne MNO nihubata. Hanqinaaleen teknoolojii, ogeessaa, leecalloo geejjibsiisaafi kuusa qabbanaa’aa (cold-chain logistics)’fi dhiyeessii sanyii qurxummii fooyya’aa gufuu ijoo gama kanaan mudachaa turaniifi jiraniidha. Kanaafis ‘𝑲𝒂𝒓𝒐𝒐𝒓𝒂 𝑶𝒇𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂’𝒖𝒖’ waggoota shanan dhufaniitiin (2019-2023) furmaata waaraa qabatee hojiitti kan galu ta’a. Akkaatuma kanaan, gamanumaa hojiilee wiirtuulee baay’isa sanyii qurxummii babaldhisuu, sirna dhiyeessiifi gabaa ammayyaa diriirsuu, humna namaa ogummaa qabu bobbaasuu eegalleerra. Akkasumas hubannoo sirna nyaata bishaan keessaa guddisu irratti sochii taasisaa jirra.

Bu’uuruma kanaan, waggoota shanan dhufan, qaama bishaanii kamuu misooma qurxummiif oolchuuf qophii barbaachisu mara taasiseera. Karoora raabsa cuucii qurxummii bara 2018 mil. 2.74 ture, bara 2019 mil. 20’n gahuuf karoorsee gamanumaan hojjetaa jira.

𝗚𝘂𝗱𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮
Walumaagalatti, dilbii guddaa gama kanaan naannichi qabu misoomsuun fedhii gabaa olaanaa umamaa jiru, carraa hojii, akkasumas galmoota wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuun akka danda’amu deeggarsiifi hordoffiin barbaachisu marti nitaasifama. Horsiisni qurxummii hojii asiifi achitti bittinnaa’ee mala aadaatiin gaggeeffamu osoo hintaane, damee dinagdee ammayyaa badhaadhina Oromiyaa keessatti dhiibbaa qabatamaa fidu ta’ee baha.

Dhumarrattis, dilbii harkaa qabnu beekuun, sirnaan misoomsinee, dargaggoonnifi hawaasni baldhaan biyya ofiitti ulfinaan akka jiraatan, carraan invastimantii akka baldhatuufi maatii marti soorata madaalawaa akka argatu taasisuuf kutannoon kan hojjannu ta’a. Akkasumas galma badhaadhina hunda galeessa qabame milkeessuuf humnoota tumsaa fayidaa ummataa baay’isan kamuu kan fayyadamnu ta’uu asuman mirkaneessuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment