Inistiitiyuutichi tumsa seektera barnootaa keessatti qabu cimsee itti fufa

Finfinnee, Hagayya 12,2018(FMC) – Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Bishaanii Federaalaa magaalaa Shaashamanneetti barattootaaf meeshaalee barnootaa Birrii miliyoona 1 fi kuma 500 olitti shallagamu barattootaaf gumaacheera.

Inistiitiyuutichi damee bishaaniin humna namaa leenjisuu fi qorannoo gaggeessuu cinatti, hojii tajaajila lammummaas xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu Hoji-gegeessaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Taammanee Haayiluu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, deeggarsi meeshaalee barnootaa kun damee barnootaa tumsuu kan kaayyeffateedha.

Inistiitiyuutichi Mana Barnootaa Bu’uura Boruu Birrii miliyoona 100 oliin ijaaruufis dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Kantiibaa itti aanaan Magaalichaa Dooktar Firaa’ol Hundeessaa gama isaaniin, magaalattiitti tajaajila lammummaatiin hojiiwwan gosa adda addaa 64 Birrii biliyoona 1.4 oliin hojjetamaa jiru.

Mana harka qalleeyyii ijaaruun, arjoomni dhiigaa, ijaarsi daree barnootaa dabalataa, deggersi meeshaalee barnootaa hojiiwwan tajaajila kanaan hojjetamuuf karoorfaman keessaati.

Hojjattoonni Inistiitiyuutichaa jiraattoota magaalichaa waliin ta’uun biqiltuu Ashaaraa Magariisaas dhaabaniiruu.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment