Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa oomishaalee diijitaalaa gabaa addunyaaf oolan oomisheera- Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa oomishaalee diijitaalaa gabaa addunyaaf oolan oomisheera jedhan Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa.

Giddugalli Istaartaappii hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaa leenjitoota yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif leenjisaa ture eebbisiiseera.

Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa wayita kana bu’aaleen har’a argaa jirru yeroo gabaabaa keessatti kan milkeeffaman kutannoo addaafi hoggansa cimaa mootummaatiini jedhan.

Inistiitiyuutichi mul’ata isaa galmaan gahuuf hojjechaa akka jiruufi milkaa’ina galmeessisaa jiraachuus eeraniiru.

Galmoota mootummaan tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 kaa’e fi hoggansa cimaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irratti hundaa’uun dhaabbata gurmeessuurraa eegalee hojiileen misooma biyyaan walsiman hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment