Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuuf turan misaa’elaan haleelte

Finfinnee, Ebla 26, 2018(FMC) – Iraan doonii waraanaa Ameerikaa akeekkachisaa diduun Ulaa Hormuuz seenuuf turan misaa’elaan haleeluu miidiyaaleen Iraan gabaasan.

Iraan dooniin waraanaa Ameerikaa gara ulaa Hormuuz akka hin seenne akeekkachiiftee turte.

Doonaald Tiraamp waraanni Ameerikaa dooniiwwan daandii galaanaa Hormuuz dhaabbatanii gargaaruu akka jalqaban erga dubbatanii booda gabaasni Iraan Haleellaa kana raawwatte jedhu gabaafamuu eegale .

Ajajni Giddugaleessaa Ameerkaa akkaataa hojii kana deeggaruuf karoorfachuu fi dooniiwwan naannoo sana keessa nagaan akka ba’an gargaaruus ibseera.

Waraanni Iraan Dooniwwan Ameerikaa Ulaa Hormuuz keessa darbuuf turan misaa’eloota lamaan haleeluu Reuters miidiyaalee Iraan wabeeffachuun gabaaseera.

Haleellaa kana hordofee dooniiwwan waraanaa kunneen imala gara Ulichaa eegalen dhaabuu ibsame.

Waraanni Ameerikaa gama isaan haleellaan dooniwwanirratti raawwatame hin jiru jedheera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment