Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Iraan marii Ameerikaa waliin taasisaa jirtu cinaatti buufataalee waraanaa Ameerikaa Kuweetii fi Bahireenitti argaman dirooniin haleelte.
Haleellaa Iraan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kuweetiitti raawwatte kanaan namoonni hedduun miidhamuu fi balalliinis adda cituu ibsame.
Haleellaa Iraan gamoo bakka tursa imaltootaa buufata xiyyaaraa irratti raawwatteen namootaa fi qabeenyarra miidhaa olaanaan qaqqabuu Dubbii Himaan Raayyaa Ittisaa Kuweet Birgaader Jeneraal Saa’ud Abduulziiz Al Ootaayiib mirkaneessaniiru.
Akkasuma Iraan Waajjira Muummee Dooniwwanii Ameerikaa 5ffaa Bahiireenitti argamu Misaa’eelaan haleeluu Eagaan Warraaksa Iraan beeksiseera.
Haleellaa Iraanirratti raawwatamu kamiiyyuufuu deebiin kennamu daraan hamaa ta’uu Warraaksichi ibsa kenneen himeera.
Ameerikaan gama isheen duula of tiksuu jedhuun Odola Qaashiim dhiyeenya Ulaa Hoormuuzitti argamu haaleeluu ibsite.
Kunis erga mariin waliigaltee dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaan gidduutti eegale haleellaa isa jabaa ta’u BBC’n gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia