Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Iraan tajaajila balallii sababa waraana Ameerikaa- Israa’el fi Iraaniin addaan cite ture eegalchiiste.
Guyyaa har’aa buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Imaam Haamiinii Teehiraanitti argamu baatiiwwan lama booda balallii jalqabaa gara Turki, Oomaan fi Sa’ud Arabiyaatti taasiseera.
Waliigaltee yeroof dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan gidduutti taasifame hordofee Iraan naannawaa qilleensaa ishee gariin banuun kan yaadatamudha.
Akka gabaasa Ashraaq Niwusitti, Iraan tajaajila balallii kana kan eegalte Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Abbaas Araagchiin guyyaa kaleessaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Paakistaan Fiild Maarshaal Ashiim Muuniir waliin erga mari’atanii booda.
Dabalataanis Abbaas Araagchiin Pirezidaantii Paakistaan Shaabaaz Shariif fi Ministira Dhimma Alaa Paakistaan Isaaq Daar waliin wal arguun haala mariin Ameerikaa fi Iraan marsaa lammaffaan gaggeeffamu danda’urratti akka mari’atan ibsameera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia