Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Israa’el fi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaggeessuuf waliigalaniiru.
Biyyoonni lameen Heezboollaa dabalatee humnoota hidhattootaa biroo baasuun iddoowwan waraanni Libaanos to’atu hundeessuuf waliigaluun ibsameera.
Biyyoonni kunneen waliigalteerra kan gahan ta’us Heezboollaan guyyaa har’aa haleellaa waraana Israa’el irratti qiyyeeffate raawwachuu yoo ibsu, Israa’el Kibba Libaanositti haleellaa raawwatteetti jechuunis himateera.
Heezboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanarratti hammatamuu dhabuun hojiirra oolmaa hammattoowwan waliigaltichaa irratti gaaffii kaasiseera.
Israa’el fi Libaanos waliigaltee hunda galeessarra gahuuf torbanoota lama booda marii dabalataaf kan wal argan ta’uunis ibsameera.
Heezboollaan akka lakkoofsa faranjootaa baatii Bitootessaa keessa Iraaniin deeggaruun Israa’el irratti haleellaa raawwachuun kan yaadatamu yoo ta’u, kunis haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwattu hammeessuu Aljeezraan gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia