Itiyoophiyaa Baratte!

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) — Pirojeektiin Ijaarsi biyya tokkoo bu’uuraalee misoomaa fi guddina diinagdee qofa irratti kan hundaa’u miti; dhaloota beekumsa, dandeettii fi naamusa qabu horachuunis bu’uura isaa isa ijoo dha.

Kanaaf, Itiyoophiyaa baratte jechuun biyya ijoollee ishee beekumsaafi dandeettiin gahoomsitee, beekumsa gara oomishtummaatti, qorannoo gara kalaqaatti, kalaqa gara hojiiitti, hojii immoo gara badhaadhina biyyaatti jijjiirtu jechuu dha.

Barnoonni, misoomni fi badhaadhinni waaraa kaappitaala.

Keessumaa biyya akka Itiyoophiyaa, hiyyummaa fi rakkoolee ijaarsa mootummaa keessaa ba’uuf carraaqaa jirtuuf, barnoonni humna imaammataa fi mul’atawwan biyyaalessaa galmaan ga’uuf gargaaru ta’a.

Itiyoophiyaa baratte jechuun biyya barattoonni ishee qormaata darbuuf qofa osoo hin taane, jireenya jijjiiruuf baratan jechuu dha.

Biyya herregni mana barumsaatti baratamu qonna keessatti fayyadu, saayinsiin warshaa keessatti hojiirra oolu, teeknooloojiin carraa hojii uumu, qorannoon immoo rakkoolee biyyaaf furmaata itti ta’u jechuu dha.

Humni namaa fi dandeettiin dijitaalaa sirnaan yoo walitti makaman, Itiyoophiyaan beekumsa fayyadamuu qofa osoo hin taane, beekumsa kan oomishtuu ta’uu dandeessi.

Beekumsi naamusa waliin akkuma jirbiitti yoo walitti fo’amu, bu’aan isaa kan waaraa ta’a.

Itiyoophiyaan baratte ogeessota gahumsa qaban qofa osoo hin taane, lammiileen amanamoo, itti gaafatamummaa qaban, seera kabajan, garaagarummaa fudhatan, akkasumas faayidaa dhuunfaa caalaa faayidaa waloof dursa kennan kan itti uumaman ta’uu qabdi.

Itiyoophiyaan baratte abjuu fagoo miti. Imala waloo fedhii barachuu har’aa, cimina barsiisaa, deeggarsa maatii, carraaqqii barataa, qorannoo qorataa fi kutannoo biyyaalessaa irraa jalqabuu dha.

Beekumsi yeroo babal’atu carraan ni baay’ata. Beekumsi gara kalaqaatti yeroo jijjiiramu oomishtummaan ni dabala. Itiyoophiyaa baratte jechuun egeree fooyyee qabu kan beektu qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaa egeree sana harka isheetiin ijaartu jechuu dha.

Itiyoophiyaan boruu kutaa barnootaa har’aa keessa jirti.

Har’a haa barannu, haa barsiisnu; boru haa ijaarru. Itiyoophiyaa baratte waliin haa uumnu!

Laykun Alamiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment