Itiyoophiyaa fi Ameerikaan marii waloo gaggeessan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Ameerikaan marii waloo hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf dandeessisu Waashingitan DCtti gaggeessaniiru.

Jilli Ministira Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiiwoos, Gorsaa dhimmoota Diinagdee Ministira Muummee Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Daayrektera Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Reedwaan Huseen of keessatti hammate gitoota isaanii Ameerikaa waliin mari’ataniiru.

Guddina Diinagdee, Daldalaa, Invastimantii, Raayyaa Ittisaa fi nageenyaa fi tasgabbii naannawaarratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Mariin waloo kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment