Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan hojii damee Misooma Ijoollummaan duraa irratti hojjechaa jirtu irraa muuxannoo sadarkaa idil-addunyaatti filatamaa ta’e arganneerra jedhan Pirezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashim Shettimaa.
Jilli olaanaan Pirezidaanticha Itti Aanaan durfamu, daawwannaa mata-duree “Nyaata madaalawaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduu” jedhuun, hojii mootummaa guyyoota sadii Itiyoophiyaa keessatti geggeesseera.
Kaashim Shettimaa erga gara biyya isaaniitti deebi’anii booda, karaa gargaaraa miidiyaa isaanii ibsa kennaniin, barnoonni qabatamaan Itiyoophiyaa irraa argatan sagantaa sirna nyaataa Naayijeeriyaa keessatti jalqabame bu’aa qabatamaatti ceesisuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Keessumaa, muuxannoon Sagantaa Misooma Daa’immanii Ijoollummaan dura Itiyoophiyaa irraa argame, Naayijeeriyaatti inniisheetiivii sirna nyaataa hojiirra oolchuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa sadaffaa daawwannaa isaanii irratti, Itti Aanaan Pirezidaantichaa fi jilli isaanii Finfinneetti argamuun raawwii Sagantaa Misooma Daa’immanii Ijoollummaan duraa daawwataniiru.
Muuxannoon daawwannaa kana irraa argatanis kaka’umsa biyya isaanii keessatti jalqaban gara tarkaanfii qabatamaatti ceesisuuf akka isaan gargaaru ibsaniiru.
Sagantaan Misooma Daa’immanii Ijoollummaan duraa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru barnoota duraa, kunuunsa fayyaa, tajaajila kunuunsa daa’immanii fi leenjii maatii irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
Sagantaan kun jila Naayijeeriyaaf barnoota qabatamaa bu’a qabeessa kennuu isaa gaazexaan Naayijeeriyaa “This Day” gabaaseera.
#Itiyoophiaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa