Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya birmadummaafi jabinaa ta’uun imala ishee itti fufteetti – TKM

Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan har’as biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya birmadummaafi jabinaa ta’uun imala ishee itti fufteetti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi ibsa baaseen milkaa’inoonni dippiloomaasii Itiyoophiyaa mirkaneessituu birmadummaa biyyaafi dursummaa naannawaa ta’eera jedhe.

Keessumaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuun milkaa’inoota seena qabeessa ta’an galmeessaa akka jirtu ibseera.

Adeemsi tarsiimawaa dandeettii keessoo guddisuun fi deeggartoota baay’isuu irratti hundaa’e dhaggeeffatamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti qabdu guddisuun sosochiiwwan Ji’oo-Polatiksii keessatti qooda olaanaa akka bahattu taasisuu eereera.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee madaala biyyoota guddatan gidduutti qabdu eeguun maddeen faayinaansii ishee babal’isuun fi sadarkaa idil-addunyaatti sagalee murtoo kennuu ishee cimsuun bu’aa argamedha jedhe.

Keessumaa biyyoonni gurguddoon Itiyoophiyaa akka biyya tarsiima’aa murteessaa taateetti filachuun sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuun bilchina dippiloomaasii mootummaa fi olaantummaa Ji’oopolatiksii biyyattiin qabdu guddachaa dhufuuf agarsiistuu ta’uu ibseera.

Cichoominniifi dandeettiin marii mootummaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti agarsiise imala dippiloomaasii Itiyoophiyaa gara boqonnaa olaanuutti ceesisuurra darbee mirga uumamaa biyyattiin laga Abbayyaa irratti qabdu qabatamaan mirkaneessuus kaaseera.

Itiyoophiyaan walitti bu’iinsota Baha Afrikaatti mul’ataniif furmaata barbaaduun fi walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa hogganuu danda’uun ishee utubaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaa ta’uushee irra deebiin mirkaneesseera jedhe.

Gama biraan mootummaan guddina diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf ulaa galaanaa argachuun murteessaa akka ta’e kaasuun, fedhii kana karaa nagaan fi qajeeltoo “ kennuufi fudhachuun” milkeessuuf sosochiin eegale tarkaanfii ija jabinaafi tooftaan deeggarame ta’uu ibseera.

Dhimmi kun ajandaa biyyaalessaa waggootaaf ukkaamfamee ture gara dirreetti baasuun haala tumsa naannawaa cimsuu danda’uun akka hiikamuuf kaka’umsi mootummaan fudhate bilchina imaammataa carraa dhaloota egeree murteessuuti jedhe Tajaajilichi ibsasaan.

Kana cinaattis waltajjiiwwan dippiloomaasii diijitaalaa fayyadamuun odeeffannoowwan sobaa qolachuun fi milkaa’inoota misoomaa biyya keessaa hawaasa idil-addunyaan gahuun hojiin maqaa gaarii Itiyoophiyaa irra deebiin ijaaruu karaa milkaa’ina qabuun hojjetamaa akka jiru kaaseera.

Akka waliigalaatti kallattii mootummaan Itiyoophiyaa hordofaa jiru mul’ata ifaa “ Itiyoophiyaa jabduu badhaadhina naannawaaf” jedhu kan qabudha jedhe.

Biyyoonni guddatan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf kan eeyyaman mootummaan qormaatilee keessoofi alaa gahumsaan dandamachuun fi gahumsi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf qabu deeggartoota idil-addunyaaf walamantaa cimaa waan uumeefi jedhe.

Hojiileen misoomaa riifoormii biyya keessaan hojjetamaa jiran jabina dippiloomaasii ishee waliin walitti ida’amuun Itiyoophiyaa biyya Afrikaa irraa dhaggeeffatamummaa qabdu taasisuu; waltajjii idil-addunyaa irrattis guddummaa ishee mirkaneessuu eereera.

Itiyoophiyaan har’as biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya birmadummaafi jabinaa ta’uun imala ishee itti fufuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment