Itiyoophiyaan BRICS waliin sirna addunyaa haqa qabeessa ijaaruuf murannoo qabdi…

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan BRICS waliin sirna addunyaa haqa qabeessa, hunda hammatee fi seera qabeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdi jedhan jilli Itiyoophiyaa walgahii BRICS irratti hirmaatan.

Yaa’iin Ministroota Dhimma Alaa biyyoota miseensa BRICS mata duree ‘Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Waarummaa ijaaruu’ jedhuun Hindi Niiw Deelhiitti gaggeeffamaa jira.

Jilli Itiyoophiyaa oolmaa guyyaa 2ffaa yaa’ichaarratti hirmaachaa jira.

Jilli kun ejjennoo Itiyoophiyaan bulchiinsa idil-addunyaa fi sirna gamhedduu riifoormii ijoo of eeggannoo fi madaalawaa ta’etu barbaachisa jette ifoomseera.

Ityoophiyaan ejjennoo Afrikaa galmaan gahuuf akkaataa waliigaltee Ezulwiiniin haaromsa Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniif murannoon akka hojjettu beeksisaniiru.

Waliigalteen Ezulwiiniin ejjennoo waloo gamtaa Afrikaan qabame yoo ta’u, Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii fooyya’uun Afrikaan bakka bu’iinsa akka qabaattu kan gaafatuudha.

Gama diinagdeenis bakka bu’iinsa barbaachisaa ta’e akka jiraatu hubachiiseera.

Biyyoota galii gadii aanaa qabanii fi guddinarra jiraniif seerri liqaa saffisaan fooyya’uu akka qabus murannoo jiru ibsuu ragaan ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf tattaaffii cimaa taasisaa kan jirtu yoo ta’u, dhaabbatichi biyyoota guddinarra jiran simachuuf adeemsa isaa fooyyessuu akka qabu waamicha dhiyeessera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment