Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Jilli Itiyoophiyaa fooramii idil-addunyaa 13ffaa Azarbaajaan magaalaa Baakuutti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jira.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, fooramichi mata duree” Mana hundaaf, magaalotaafi hawaasa nageenyummaan isaanii eegameefi cimoo” jedhuun gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Jilichi sosochii hojii maqaa gaarii Itiyoophiyaafi Finfinnee addunyaatti beeksisuuf dandeessisu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Fooramiin kun mata dureewwan rakkoo mana jireenyaa idil-addunyaa furuu, misooma waaraa magaalaa, magaalaa cimaafi hunda hammataa, hariiroo jijjiirama qilleensaafi manaa akkasumas irra deebiin ijaaruufi manneen jireenyaa madaalawaa jedhan irratti akka mari’atu ibsaniiru.
Waljijjiirraan muuxannoofi daawwannaan jiraachuus kaasaniiru.
Hojiin beeksisuu ergaawwan barreeffamaa, viidiyoo fi teeknooloojiiwwan virchuwaal riiyaalitii fayyadamuun hojjetamaa jira.
#Oromia #Ethiopia